ONM-ABO Amajjii 2, 2025
Godina Jimmaa aanaa Saqqaa Coqorsaa bakkeewwan hedduutti ergamtoonni Bilxiginnaa lammiilee nagaa irratti saamicha raawwachuu hammeessuun, yeroo ammaa magaalaa Saqqaa Coqorsaa keessaa maqaa “kaffaltii gibira manaa” jedhuun mana tokkotti dirqamaan afaan qawwee itti qabuun qarshii 3600 guuraa kan jiran ta’uu jiraattonni magaalichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Haaluma wal fakkaatuun aanichuma ganda Gibee Boosoo jedhamu keessattis gadaanaan qarshii 7,000, olaanaan ammoo qarshii 8,000 mana tokko irraa guuraa jiraachuu maddeen himan.
Akka maddeen himanitti, namni tokko mana lamaaf isaa ol yoo qabaates dachaa kaffalaa jiraachuu himuun, sanuu hawaasa qaala’iinsa jireenyaan dararamaa jiru mana hidhaatti guuruun sodaachisanii irraa saamaa jiraachuu itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Kana malees gandicha keessatti Kaabinee Bilxiginnaa kan taate dubartii maqaan ishee Eebbisee Tottoobbaa jedhamtu jiraattota irratti gochoota safuuf duudhaa hawaasichaa cabsan garaa garaa raawwachuun dararaa hamaa irraan gahaa kan jirtu ta’uun dabalataan ibsameera.

