ONM-ABO Caamsaa 31, 2025
Ergamtoonni Bilxiginnaa impaayera Itiyoophiyaa gama maraan kufte deebisanii suphuuf jecha saamicha ulfaataa ta’een dinagdee uummata Oromoo quucarsaa kan jiran ta’uun ni beekama.
Aanaa Saqqaa Coqorsaa gandoota akka; Ushaanee Qoocee, Meexxii Abbayyii, Gibee Boosoo fi kanneen biroo hedduu keessatti shiftoonni faashistii PP “manneen jireenyaa ganda ganda irratti kaabinootaaf ijaaraman eebbisiisna” jechuun Caamsaa 29, 2025 irraa eegaluun hawaasa harka qalleeyyii homaa tokkollee hin qabne irraa gadi aanaan qarshii 200 fi kanneen jireenya fooyya’aa jiraatan irraa ammoo hanga qarshii 5,000’tti irraa guuraa kan jiran ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, ergamtoonni Bilxiginnaa kunneen saamicha ulfaataa kanas halkan mana jiraattotaa irra deemanii afaan qawween sodaachisuun raawwachaa jiraachuu dubbatu.

