Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Jimmaa Aanaa Saqqaa Coqorsaatti Lukkeeleen Bilxiginnaa impaayerattii kufaatii dinagdee irraa baraaruuf, hawaasa nagaa saamuu filannoo jalqabaa taasifatanii jiraachuun himame

ONM-ABO Guraandhala 5, 2025 

Bututtuu impaayera Itiyoophiyaa ekeraa Minilikiin hargantu suphuuf kan ifaajan ergamtoonni Bilxiginnaa, wayita ammaa goleewwan Oromiyaa cufa keessatti bifa adda ta’een qe’ee uummata Oromootti bobba’uun saamicha daangaa darbeen jiruu fi jireenya isaa harkatti hadoochaa jira.

Aanaa Saqqaa Coqorsaa gandoota akka: Ushaanee Qoocee, Gibee Boosoo fi Meexxii Abbayyii keessatti Guraandhala 1, 2025 irraa eegaluun Kaabinoonni Bilxiginnaa ganda keessa teessee hawaasa darartu, maqaa “kaffaltii Raayyaa ittisa Impaayerattiin” milishoota  qe’ee uummataatti bobbaasuun nama tokko irraa gadi aanaa qarshii 1000 fi olaanaa ammoo hanga qarshii 5,000’tti afaan qawwee itti qabanii sodaachisuun dirqamaan guurrachaa kan jiran ta’uu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka jiraattonni himanitti, gandoota kanneen keessatti kaffaltiidhuma raayyaa ittisa impaayerattii kanaan ji’ootaan dura qarshii 500 tokkoon tokkoon namootaa kaffalanii jiraachuu himuun, yeroo ammaa kanas kanneen waan kaffalan of harkaa dhaban hidhamaa fi reebichaan dararamaa jiraachuu fi qabeenyi isaaniis lukkuu, loonii fi midhaan dabalatee waanti isaan mana keessaa qaban hundi jalaa saamamaa kan jiru ta’uu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Exit mobile version