ONM-ABO Ebla 23, 2025
Aanaa Saqqaa Coqorsaa gandoota akka; Ushaanee Qoocee, Gibee Boosoo fi Meexxii Abbayyii keessatti Ebla 19, 2025 irraa eegaluun jaleewwan Bilxiginnaa maqaa deggersa raayyaa ittisa impaayerittiif jedhuun gara qe’ee uummata Oromootti bobba’uun, saamicha ulfaataa raawwachaa kan jiran yoo ta’u, haadha hiyyeessaa ofiifuu waan nyaattee bultu hin qabne irraas qarshii 500 akkasumsas, kanneen jireenya fooyya’aa jiraatu jedhan irraa ammoo hanga 10,000 fi isaa oliitti guuraa kan jiran ta’uu maddeen ONM’tti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, aanicha keessatti kaffaltii gosa garaa garaa naga’ee hin qabneen saamichi irra deddeebiin hawaasa harka qalleeyyii irratti raawwatamaa kan jiruu fi addatti ammoo kaffaltii deggersa raayyaa ittisa impaayerattiif jedhu kana gaafa eegalan guyyaa guyyaa hawaasa hunda manatti argachuu waan hin dandeenyeef jecha halkan keessaa toora sa’a 6:00’tti mana mana irra deemanii funaanaa kan turan ta’uu ONM’f eeranii jiru.

