ONM-ABO Fulbaana 8, 2023
Qondaaltotni bilxiginnaa impaayera isaan harkatti kufe utubanii dhaabuuf, Itoophiyaa ijaarraa maqaa jedhu gargaaramuun qabeenya hawaasaa saamaa, ilmaan isaanii ammoo jalaa guuruun gara adda waraanaatti bobbaasaa jiru.
Haaluma kanaan godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Diiduu keessatti maqaa deggersa raayyaa ittisa impaayera Itoophiyaa jedhuun, hawaasa irraa maallaqa guuraa Kan jiran kaadirootni PP, ijaarsa mana barnoota jechuun ammoo qarshii 100 fi Buusii dhaaba bilxiginnaaf ammoo qarshii 26 uummata irraa funaanaa akka jiran Madden himuun, yeroo amma dargaggoota humnaan qabuun gara leenjii waraanaatti erguunis jabaachuu addeessan.
Dabalataanis osoo hawaasni Enshuuraansii fayyaa qabuu, qorichi mooraa keessa hin jiru jechuun, Mana qorichaa dhuunfaatti qoricha barreessuun namootni maallaqa ittiin bitatan dhabanii rakkataa kan jiranii fi kaffaltii Enshuuraansii fayyaas qarshii 400 irra gara 800tti ol guddisuu maddeen himan.

