Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Faashistoonni murna bilxiginnaa godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Aallee keessatti saamicha uummata irratti jabeessan

ONM-ABO Waxabajjii 14, 2024

Bulchiinsi abbaa irree impaayera Itoophiyaa bilxiginnaan, uummata Oromoo saamuu, hidhuu qe’ee fi qabeenya isaa ibiddaan barbadeessuu, biyya irraa godaansisuu fi ajjeesuu karoora bulchiinsa isaa ta’e yeroo irraa gara yerootti jireenya uummataa jeequun boqonnaa dhabsiisaa jira.

Guutuu Oromiyaa keessatti dararaa hamtuu dhala namaaf hin malle uummata nagaa irratti raawwachaa kan oolan tiksitoonni impaayera Itoophiyaa ilma namaaf kabaja hin qabne ajaja dabaa kolonel Abiy Ahimed irraa fudhatan hawaasa nagaa irratti raawwachuun rakkisaa jiru.

Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Aallee magaalaa Gooreetti Waajjirri Dhimma Nageenyaa fi Poolisii magaalattii manneen nyaataa, dukkaanotaa fi manneen daldalaa erga cufsiisaniin booda, jiraattota magaalichaa dirqamaan wal ga’ii baasuun doqdoqqee ittiin naannofnee nageenya keessan eegnu nuuf bitaa jechuun, manneen daldaltootaa irra deemanii daldaltoota gad aanoo qarshii 500 hanga 1000’tti itti murteessuun warreen galiin isaanii guddaadha jedhan ammoo qarshii 5000 hanga 10,000 itti murteessuun guyyoota sadan darban kana keessa afaan qawween doorsisanii saamaa akka jiran jiraattoonni ni dubbatu.

Maallaqa kanas dirqamaan funaanaa kan jiran abboota amantii fi miseensota poolisii isaanii ta’uun beekameera. 

Qaala’insa gabaa fi ajandaa garaa garaa uumamee yeroo addaa addaatti qarshii gaafatamuun madda galii fi jireenya uummataa irratti dhiibbaa guddaa uumee waan jiruuf hawaasni eessatti keessaa baqanna jechuun yaaddoo hamaa keessa jiraachuu jiraattoonni onichaa dabaluun ONM’tti gabaasan.

Exit mobile version