ONM-ABO Muddee 24, 2025
Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Algee Saachii keessatti Muddee 19, 2025 irraa eegaluun, waraanni murna gabroomfataa PP maqaa gibiraatiin uummata saamaa jiraachuu jiraattonni aanichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka jiraattonni jedhanitti, “saamicha mul’ataa daangaa darbeen nu dararaa jiru, namoota gabaa deeman mara irraa waan gurgurachuuf baatanii deeman fudhatanii harka duwwaa galchuu, bilbila harkaa ittiin Waraana Bilisummaa Oromoo quunnamtu jechuun namootarraa guuraa turuus dabaluun jiraattonni ifoomsaniiru.
Waraanni koloneel Abiy Ahmediin gara jabina leenjifamanii goleewwan Oromiyaa mara keessa bobbaafaman diinummaa uummata Oromoof qaban ifatti mul’isuun saamicha, dararaa fi doorsisaan cinatti, uummaticha lafa isaa irratti duguuggaa sanyiin mancaasaa jiraachuun isaanii dhugaa mul’ataadha.

