Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Algee Saachii keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa garmalee jiraattota hiraarsuu hammeessan

ONM-ABO Gurraandhala 27, 2025 

Dhaabbileen miti mootummaa fi mirga namoomaa impaayerattii keessatti argaman bulchiinsa koloneel Abiy Ahimediin liqimfamuu irraan kan ka’e duunni ilma namaa hanga kan bineesota bosonaa kabajamuu dhabuun yeroo itti waraanni sirnichaa uummata ajjeesee ittiin dhaadatuu fi hidhee qaamaa qalbiin namoota cabsee akka gootummaatti himatu keessatti gidirfamni dhaloota irratti jabaatee jira.

Aanaa Algee Saachii bakkeewwan addaa addaatti loltoonni Koloneel Abiy Ahimed lammiilee nagaa sababoota garaa garaan humnaa ol dararuu ittuma fufuun, wayita ammaa kanas ganda Coqorsaa fi Dooyyuu keessatti dirqamaan “waraanaaf nyaata dhiheessuu qabdu” jechuun uummata rakkisaa kan jiran ta’uu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Waraanni biyyaaf abdii fi utubaa ta’uu qabu, kan sarbama daangaa kabajuuf irbuu uummataa fuudhuun kakatee ba’e har’a garuu kabajni namummaa hafee dantaa fi fedhii murna aangoo irra jiru kabachiisuuf jecha biyyaa fi uummata irratti ba’aa ta’ee beelaa fi dheebuu na baasuu qabda, murna impaayerattii bulchu jala dirqamaan hiriiruu qabdaa fi kanneen biroon saamichaa fi ajjeechaa saba irraa dhalate irratti taasisuun egeree impaayerattiif yaaddoo ta’ee jira.

Exit mobile version