ONM-ABO Fulbaana 17, 2025
Iluu Abbaa Booraa aanaa Algee Saachiitti dhalattuu ganda Coqorsaa fi Dooyyuu kan taate shamarree maqaan ishee Rahiimaa Kadir jedhamtu torban darbe keessa osoo isheen kaadhimaa ishee waliin gabaadhaa galaa jirtuu sirna dhableeyyiin waraana Bilxiginnaa kaadhimaa ishee irratti reebicha raawwatanii biraa ari’uun, ishee ammoo gudeeddaa erga irratti raawwatanii booda rasaasa itti roobsuun ajjeesanii reeffa ishee bosona keessatti gatuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Shamarreen kun kaadhima ishee kana waliin sirna gaa’ilaa geggeeffachuuf torban tokko qofti hafee jiraachuu fi reeffa ishees hawaasni naannoo barbaaduun guyyaa sadii booda bosona keessaa arganii awwaluu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Naamusa maleeyyiin loltoota PP kanneen naamusni waraanummaa homaa tokko illee irraa hin callaqisne goleewwan Oromiyaa cufa keessaa haawwanii fi shamarran irratti irra deddeebiin yakkawwan gudeeddii raawwachaa kan jiran yoo ta’u, Lixa Shaggar aanaa Meettaa Walqixxee keessatti daa’ima Simboo Biraanuu irratti gudeeddii raawwachuun ajjeesanii fannisuun ni beekama.

