ONM-ABO Onkoloolessa 17, 2024
Safuu fi safeeffannaa hawaasaa kan hin kabajnee fi hawaasuma irraa dhalataniif kabaja namummaa kan hin qabne akkasumas miira namummaa isaanii to’achuu kan hin dandeenye ergamtootni Biraanuu Juulaa, Oromiyaa bakkoota adda addaatti gochoota ciiggaasisoo safuu fi duudhaa hawaasaa cabsan haadholii fi shamarran Oromoo irratti raawwachuu cimsanii itti fufanii jiru.
Bifuma kanaan, godina Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaatti miseensi Raayyaa Ittisa impaayerattii tokko shamarree tokko irratti yakka gudeeddaa raawwachuun, shamarreen kun tarkaanfii ajjeechaa ofii ishee irratti fudhachuun dhagaa’amee jira.
Aanaa Saasiggaa ganda Gammannee jedhamu keessatti miseensi Raayyaa Ittisa impaayerattii tokko kan maqaan dhaloota isaa Zaakir jedhamuun beekamuu fi ajajaa waraana bilxiginnaa aanichaa kan ta’e Onkoloolessa 13, 2024 shamarree maqaan ishee “Nuuree Marabbaa Jiraa” jedhamtu umuriin ishee 14 kan ta’e guyyaa Dilbataa waaree booda osoo isheen mana amantaa irraa gara manaatti galaa jirtuu daandii irraa humnaan qabuun gudeeddaa suukkanneessaa ta’e irratti raawwatee qaama isheerratti miidhaa ulfaataa geessise.
Shamarreen kun gocha irratti raawwateen deemuu dadhabdee tirattee yeroo mana geessu dubbatachuu sodaattee bor yoon fayye maal jedheen ija namaatti ba’a jechuun halkan keessaa sa’a 2:00’tti maatii dhoksuun mana keessaa wadaroo (funyoo) fudhattee ba’uun mukatti of rarraastee of ajjeeste jiraachuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himaniiru.
Jiraattotni akka jedhanitti ajajaan Raayyaa Ittisa impaayerattii kun kanaan dura aanichuma keessaa shamarree tokko kan maqaan ishee hin eeramne WBO’f eeruu kennita jechuun bilbilee ofitti waamuun, fedhii ishee malee turtii baatii tokkoo kan hin guunne waliin jiraatee fedhii isaa hundumaa erga guuttatee booda of irraa ari’uun gara mana warra isheetti galchee jiraachuu dubbataniiru.

