ONM-ABO Onkoloolessa 27, 2024
Naamusa waraanummaa fi kabajaa safuu hawaasaa akkasumas namummaa tokkollee kan hin qabnne waraanni maafiyaa impaayera Itiyoophiyaa, golee Oromiyaa cufa keessatti uummata Oromoo irratti saalaa fi umuriin osoo adda hin baasin gochoota safuu hawaasaa cabsanii fi suukkanneessoo ta’an irratti raawwachuu jabeessanii itti fufanii jiru.
Onkoloolessa 24, 2024 waraanni sirna dhableessi impaayerattii aanaa Laaloo Assaabii ganda Dinii Huwwaa jedhamu keessaa dubartii maqaan ishee Aadde Guddinee Eebbisaa jedhamtu osoo isheen mana isheetii baatee maatii ishee dubbisuuf deemaa jirtuu karaa irratti dirqamsiisee gudeeduuf lafa irra harkisaa osoo jiruu akka tasaa harmeen ishee arguun itti iyyitee hawaasni naannichaa dhaga’uun birmannaa taasisaniin gadhiisee baqachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Oduu ajjeechaan ammoo, godinuma kana aanaa Lataa Sibuu ganda Somboo Sadan Giittan jedhamu keessaa Onkoloolessa 25,2024 nama maqaan isaa Guddaa Biraanuu jedhamu milishoonni sirnichaa halkan sa’a 11:00’tti mana isaatii baasanii “Waraana Bilisummaa Oromoo deggerta” jechuun badii tokko malee rasaasa itti roobsuun haala suukkanneessaa ta’een ajjeesanii gatuu maddeen himan.
Akka maddeen himanitti, namni kun qonnaan bulaa hojii qonnaa isaa malee hirmaannaa siyaasa dhaaba kamiiyyuu kan hin qabnee fi nama bultii qabu abbaa daa’ima 7 ta’uu maddeen keenya itti dabaluun himaniiru.

