Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaatti dargaggoon tokko lukkeelee diinaa irratti tarkaanfii fudhachuun qawwee 1 hiikkatee Waraana Bilisummaa Oromootti makame

ONM-ABO Fulbaana 22, 2024

Gochi waraanni faashistii PP guyyaa guyyaan uummata Oromoo irratti raawwataa jiru bakka cufattuu hammaachuun ilmaan Oromoo bakka maraa Bilxiginnaa mormuun tarkaanfiilee adda addaa fudhachaa jiru.

Kanumaan wal qabatee Fulbaana 19, 2024 aanaa Ada’aa Bargaa ganda Caffee Bisil naannoo magaalaa Oolankomiitti ganama  sa’atii 5:00 irratti waraanni Abiy Ahimediin durfamu mana hawaasaa seenuun yeroo inni yaalii gudeeddaa shamarree tokko irratti raawwachuuf jedhutti dargaggoon maqaan isaa Bojaa Tashoomaa jedhamu obboleettii isaa irra dhaquun waraana Abiy Ahimed yakka sana raawwachaa jiru qottoon rukutee ajjeesuun Waraana Bilisummaa Oromootti makamee jiraachuu maddeen eeranii jiru.

Akka maddeen himanitti dargaggoon kun meeshaa waraanichi baatu AKM Turkii tokko irraa hiikuun gara mooraa Waraana Bilisummaa Oromootti kan dhufe ta’uu himuun, yakki hamaan kanaan wal fakkaatu hedduun waraana safuu fi safeeffannaa hawaasaa akkasumas naamusa waraanummaa hin qabne lukkeelee bilxiginnaan ilmaan Oromoo irratti raawwatamaa ooluu gabaasan.

Gocha namummaa Oromoo gadi xiqqeessaa fi salphisaa jiru kana ejjennoon mormuu fi tarkaanfii laalessaa barbaachisu hunda fudhachuuf namuu of qopheessuu qaba jechuun maddeen dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Exit mobile version