Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBO’n zoonii Harsadee godina Baha Shaggar aanaa Booraa keessatti humnoota diinaa irratti tarkaanfii yoo fudhatu, Lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaa keessatti immoo waraanni PP hedduun harka kennatan

ONM-ABO Adoolessa 24, 2024

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBO’n tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti fudhatu jabeessuun diina du’aa fi madoon adabaa jira.

Godina Baha Shaggar aanaa Booraa bakka addaa Jiirmee jedhamutti waraana faashistii PP maqaa sakattaa WBO’n bobbaate Adooleessa 21, 2024 gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo haxxee itti hidhuun konkolaataa paatiroolii lama guutuu daaraa taasisuun mooraa waraana Bilxiginnaa aanaa Booraatti naasuu naqee jira.

Oduu biraatiin ammoo waraanni faashistii PP gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachuu itti fufaniiru.

Haala kanaanis baatii Adoolessaa kana keessa godina Lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaatti miseensotni waraana Bilxiginnaa meeshaa PKM 1 fi AKM 22 mooraa diinaatii baasuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof galii godhanii jiru. Miseensi tokko   qofaa isaatti qawwee AKM 3 dhuunfatee WBO bira ga’eera. 

Miseensotni waraana PP kun gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo bira ga’uu isaaniitti gammadanii, mooraa jibbiinsa Oromummaan guutame keessaa ba’uun akka gara Qabsoo Bilisummaa Oromootti makamaniif warra achitti hafeef dhaamsa dabarsaniiru.

Exit mobile version