ONM-ABO Onkoloolessa 17, 2024
Falmaan mirga namoomaa, abdiin saba cunqurfamaa WBO’n, mirga abbaa biyyummaa saba Oromoo waggoota hedduuf mulqamee ture deebisee bilisummaa gonfachisuuf tarkaanfii guggubduu waraana diinaa irratti fudhachaa jiru daran hammeessee jiraachuu beeksise.
Haaluma kanaan godina Baha Shaggar aanaa Booraa iddoo addaa ganda Jirimee jedhamuun beekamu keessatti leencichi abdii sabaa WBO’n zoonii Harsadee, Onkololeessa 14, 2024 waraana faashistii PP kanneen dantaa qofaaf bobba’uun uummata nagaa goolaa ooltu irratti tarkaanfii jajjabduu fudhachuun du’aa fi madoon adabee jiraachuu maddeen keenya zoonichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Tarkaanfii fudhatamee jiru kanaan waraana diinaa irraa sadii ajjeesuun, madoo lakkoofsaan hedduu ta’een adabee jira.
Ittuma fufuun Onkololeessa 14, 2024 Baha Shaggar aanaa Fantaallee ganda Saaraa Weebaa jedhamu keessatti kan argamtu mooraa Funyaan Dheeroo jedhamuun beekamtutti galgala sa’a 12:00’tti korommiin Zoonii Harsadee itti seenuun waraana weerartuu diinaa olii fi gad bittinneessee mooraa keessaa gugsuun loltuu tokko ajjeesuun, madoo hin beekamneen adabee jiraachuu maddeen dabaluun addeessaniiru.
Irree fi wanteen sabaa WBO’n Zoonii Kibba Bahaa Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa waraana faashistii PP maqaa sakattaa WBO jedhuun socho’aa turte tarkaanfii haxxee irratti fudhateen Arsii Bahaa aanota adda addaa keessatti sagantaa ishee hongeessee jira.
Haaluma kanaan Onkolooleessa 15, 2024 Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa godina Arsii Bahaa aanaa Xichoo ganda Soolee Wolliyyee keessatti waraana Bilxiginnaa maqaa sakattaa WBO jedhuun bobbaate haxxee itti hidhuun tarkaanfii irratti fudhateen battalatti 3 ajjeesuun 4 madoon adabee qawwee AKM dachaatuu 3 hidhannoo guutuu waliin irraa hiikkatee jira.
Humna dabalataa kan magaalaa aanaa irraa reebuu dhuftes tarkaanfii haleellaa WBO’n irratti raawwateen battalatti 12 irraa ajjeesuun 16 madoo tasiseera.
Ittuma fufuun Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa godina Arsii Bahaa aanaa Muneessaa ganda Heeban Dhubbootti diina odeessa WBO argachuun haxxee itti hiitee eegaa turte WBO’n odeessa argachuun daandiicha irraa goree duuba isheen tarkaanfii farra haxxee irratti fudhateen 5 battalatti irraa ajjeessuun 8 madoo taasisee sagantaa ishee fashaleessee jira.
Gootichi Waraana Zoonii Kibba Bahaa waraana faashistii PP WBO balleessinaaf dhaadachuun bobbaate bakka cufatti diina harcaasaa jiraachuun ni beekama.
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti fudhatu jabeessuun har’a Onkoloolessa 16 godina Lixa wallaggaa aanaa Boojjii Coqorsaa ganda Innaangoo Koobbaraa jedhamutti Cibraan Gumaa Guddaa Buttaan Dubbataa tarkaanfii waraana faashistii PP irratti fudhateen injifannoo boonsaa galmeessee jira.
Tarkaanfii jajjabduu kanaanis hedduu du’aa fi madoon adabuun qawwee AKM 3 irraa hiikee tokko booji’eera.

