ONM-ABO Sadaasa 5, 2024
Jajjabeen gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo tarkaanfii waraana faashistii PP irratti fudhatu jabeessee itti fufuun Zoonii Harsadee godina Baha Shaggar aanaa Booraa keessatti du’aa fi madoon adabee jira.
Tarkaanfii kaleessa Sadaasa 4, 2024 ergamtoota Abiy Ahimed aanaa Booraa ganda Botee fi Kamsaa gidduutti irratti fudhateen hedduu du’aa fi madoon adabee jira.
Tarkaanfii jajjabeen WBO irratti fudhateen kanaan du’aa fi madoo ishee konkolaataa lamaan gara magaalaa Maqiitti geessuun barameera.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗️

