ONM-ABO Sadaasa 3, 2024
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBO’n zoonii Lixaa keessatti tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti fudhatu jabeessee jira.
Jajjabeen WBO zoonii Lixaa Sadaasa 2, 2024 Lixa Wallaggaa aanaa Sayyoo Noolee ganda Koobilaa keessatti barii ganamaan dhukaasa itti banuun waraana faashistii PP du’aa fi madoon adabee jira. Aanichuma ganda Facaasee jedhamu keessatti marsaa lammaffaa haxxee keessa galfachuun ergamtoota PP konkolaata tokko waliin daaraa taasisuun waraana Bilxiginnaa hedduu du’aa fi madoon adabee qawwee hedduus irraa hiikkatee jiraachuun baramee jira.
Sa’atuma wal fakkaatutti aanaa Sayyoo Nooleen kan wal daangessitu aanaa Yuubdoo ganda Ciisaa Boorrii bakka Guutee Bunaa jedhamuttis loltoota faashistii PP konkolaataa 11’n deemaa turte haxxee keessa galfachuun tarkaanfii fudhateen battalatti hedduu du’aa fi madoon adabuun konkolaata sadii gubee dhabama taasisee jiraachuu ajajaan WBO naannichaa gabaaseera.
Bilxiginnaan carraa argatu cufaan Waraana Bilisummaa Oromoo balleessaan jira jechuun holola oofus, WBO’n Giddu Galeessaa Oromiyaa Kaaba Shaggar dabalatee zooniilee cufa keessatti waraana faashistii PP adabaa jiraachuun barameera.

