ONM-ABO Waxabajjii 3, 2024
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBO’n tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti bakkoota cufatti jabeessuun diina du’aa fi madoon adabee mooraa ishee goolaa jira.
Haaluma kanaan dheengadda Waxabajjii 1, 2024 korommiiwwan WBO Zoonii Giddu Galeessaa godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Amayyaa keessatti tarkaanfii laalessaa waraana bilxiginnaa irratti fudhateen du’aa fi madoon adabuun injifannoo galmeessee jira.
Kaleessa Waxabajjii 2, 2024 ammoo WBO’n zoonii Lixaa aanaa Mana Sibuu ganda Waamaa Toobbaraa keessatti mooraa waraana faashistii PP irratti tarkaanfii fudhateen injifannoo galmeessee jira. Tarkaanfii kanatti kan rifatte waraanni bilxiginnaa humna dabalachuun of eegaa turuun barameera.
Lolli kun guyyuma kaleessaa Lixa Wallaggaa aanaa Najjoo keessatti kan geggeeffame yoo ta’u, jajjabeewwan Zoonii Lixaa tarkaanfii laalessaa waraana maafi’aa PP irratti fudhataniin waraana koloneel Abiy Ahimed du’aa fi madoon adabee qawwee irraa hiikuun injifannoo cululuqaa galmeessee jira.
Guutuu gabaasa kanaa oduu galgalaan walitti deebina.
Mo’ichi Waraana Bilisummaa Oromoof ❗

