Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

WBOn Zoonii Giddu Galeessaa fi Lixa Keessatti Waraana Faashistii PP Adabuun Dishqaa Dabalatee Meeshaalee Waraana Adda Addaa Irraa Hiike

ONM-ABO Onkoloolessa 28, 2024

Irree fi gaachanni sabaa WBO’n Zoonii Lixaa godina Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa ganda Qarsaa Mojoo jedhamu keessatti waraana faashistii PP irratti tarkaanfii laalessaa fudhateen du’aa fi madoon adabuun konkolaataa bilxiginnaas hojii ala taasisuu beeksise.

Haaluma kanaan, guyyaa kaleessaa Onkoloolessa 26, 2024 WBO’n, waraana bilxiginnaa konkolaataa Paatiroolii 3’n Bulchiinsa magaalaa Angar irraa gara ganda Qarsaa Mojootti imalaa turte irratti haxxee hidhee tarkaanfii guggubduu fudhateen rasaasaan akaa’ee baarudaan macheessuun humna diinaa konkolaataa sadanuu irratti yeroo walfakkaataatti tarkaanfii fudhateen hedduu du’aa fi madoon adabuun injifannoo boonsaa galmeessee jira.

Lola kanaanis, WBO’n konkolaataa PP lama hojiin ala taasisuu ibseera.

Yeroo gabaasni kun qindaa’etti , madoon waraana PP bulchiinsa magaalaa Angaritti yaalamaa kan jirtu yoo ta’u, gaag’ama isaanii dhokfachuuf jecha ogeessota fayyaa irraas bilbila ugguranii yaalama jiraachuu maddeen hospitaalicha irraa ONM’tti himaniiru.

Lola kana keessa ajajaan 1000 tokko turuun kan barame yoo ta’u, ajajaan kun maqaan isaa Zaakir kan jedhamu fi aanaa Saasiggaa keessatti uummata Oromoo irratti duula qindaa’aa duguuggaa sanyii labsuun gochoota gara jabinaa fi suukanneessoo ta’an garaagaraa raawwachiisaa kan jiruu fi yeroo darbe aanichuma keessaa ofii isaatii daa’ima umrii 14 gudeeduun, daa’imni kun tarkaanfii ajjeechaa ofirratti fudhachuu ishee isiniif gabaasnee turuun keenya ni yaadatama.

Tarkaanfii gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo fudhatu jabaatee itti fufuun guyyuma kaleessaa Onkoloolessa 27 Zoonii Giddu Galeessaa Kaaba Shaggar keessatti diina du’aa fi madoon adabuun injifannoo boonsaa fi cululuqaa galmeessee jira.

Tarkaanfii laalessaa jajjabeen WBO Zoonii Giddu Galeessaa Kaabaa aanaa Hidhabuu Abootee keessatti tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti fudhateen hedduu ajjeesee gariin madeessuun qawwee AKM hedduu, rasaasa, boombii fi Dishqaa 2 irraa hiikuun injifannoo boonsaa galmeessee jira.

Leencotni Zoonii Giddu Galeessaa Kaabuma Shaggar aanaa Dharraa keessatti tarkaanfii laalessaa fudhateen meeshaalee gurguddaa irraa booji’uun injifannoo boonsaa yoo galmeessu, aanaa Warra Jaarsoo magaalaa Oosee keessatti guyyuma kaleessaa loltoota PP rasaasaan akaa’ee baarudaan macheessuun injifannoo cululuqaa argatee jira.

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo kaleessa Onkoloolessa 27 naannoo sa’a 8:00tti tarkaanfi haxxee godina Lixa Wallaggaa aanaa Yuubdoo ganda Ciisaa Boorrii bakka addaa Guutee Bunaa jedhamtutti waraana faashistii PP FSR 2 fi Minibaasii tokkoon aanaa Yuubdoorra gara aanaa Ganjiitti imalaa turte irratti tarkaanfii fudhateen FSR tokko guutummaatti barbadeessuun hedduu du’aa fi madoon adabee jira.
Tarkaanfii kanaan madoon shan hospitaala seenuun barameera.

Tarkaanfii WBOn fudhatu jabaatee itti fufa

Horaa bulaa deebanaa

Injifannoon Uummata Oromoof ❗

Exit mobile version