ONM-ABO Waxabajjii 18, 2024
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBO’n tarkaanfii laalessaa Bobbaa Irbuu Shinniggaan fudhatu jabeessee itti fufuun Giddu Galeessa Oromiyaatti diina du’aa fi madoon adabuun injifannoo boonsaa galmeessee jira.
Haaluma kanaan dheengadda Waxabajjii 16, 2024 jajjabeen WBO Zoonii Giddu Galeessaa godina Kaaba Shaggar aanaa Warra Jaarsoo ganda Walee Cilalluu bakka waraanni faashistii PP buufatee daandii sakatta’u iddoo addaa Kellaa jedhamutti tarkaanfii boonsaa irratti fudhatee jira.
Tarkaanfii guggubduu daandii cirracha gurraachaa naannoo Amaaraa fi Finfinnee wal quunnamsiisu dheerina 40km magaalaa aanaa irraa fagaatu irratti fudhate kanaanis loltoota maafi’aa Abiy Ahimed irraa 9 ajjeesee 4 madeessee jira.
Gama meeshaatiinis qawwee fi hidhannoo guutuu 4 irraa hiikuun konkolaataa paatiroolii 1 gubuun barbadeesseera.
Lola kana keessatti Komaander Muluu Beekamaa namni jedhamu madaa’uun du’aa fi jireenya gidduu jiraachuu odeessi hospitaala irraa arganne ni addeessa.
Urjiileen dirree lolaa tarkaanfii waraana faashistii PP irratti fudhatan jabeessuun Waxabajjii 15, 2024 Lixa Shaggar ganda Osolee keessatti 19 du’aan adabee, 13 madoon adabuun rifaatuu guddaa mooraa diinaa keessatti uumee jira.
Waxabajjiidhuma 15, 2024 Kaaba Shaggar aanaa Kuyyuu ganda Kooyyee Aqaalee keessatti 12 du’aan adabee, 4 madoon adabeera.
Kaabuma Shaggar aanaa Kuyyuu keessatti Waxabajjii 15, 2024 gandoota Darroo Cacangii fi Boondee Gidaaboo keessatti hedduu du’aa fi madoon adabee qawwee AKM hedduu irraa hiikuun loltoota bilxiginnaa 8 fayyaatti harkaan qabuun injifannoo boonsaa galmeesseera.
Lolli gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Bilisummaa fi Walabummaaf Bobbaa Irbuu Shinniggaan waraana faashistii PP irratti taasisaa jiru itti fufuun guyyaa dheengadda Waxabajjii 16,2024 Kaaba Shaggar aanaa Kuyyuu ganda Qarree Taa’aatti mooraa keessaa waraana bilxiginnaa haleelee buqqisee jira.
Kaabuma Shaggar aanaa Dagam ganda Leemman Caarraatii mooraa Gabaa Qidaamee jedhamutti tarkaanfii boonsaa guyyuma kaleessaa fudhateen du’aa fi madoo hedduun adabee jira.
Aanaa Kuyyuu ganda Amuumaa Wacaalee fi Harsadee keessattis dheengadda Waxabajjii 16, 2024 tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti fudhateen meeshaa lolaa PKM 4, isnaayippera 3, AKM hedduu irraa hiikuun konkolaataa waraanaa 2 irraa booji’ee gubee barbadeessee jiraachuu ajajaan WBO zoonichaa ibseera.
#Bobbaan_Irbuu_Shinniggaa itti fufa❗️
