Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Bobbaa Irbuu Shinniggaan Kaaba Shaggar bakkoota heddutti tarkaanfii waraana PP irratti fudhachuun injifannoo galmeesse

ONM-ABO Waxabajjii 13, 2024

Imaanaa uummata Oromoo baatee jiru otuu hin sharfiin galmaan gahuuf, sirna cunqursaa, saaminsaa fi waanjoo kolonii kamiiyyuu jalaa baasuuf gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo diina impaayeeratti irraa biyya isaa Oromiyaatti bobbaatee uummata Oromoo saamuu, girsuu, ajjeessuu, mana irraatti gubuu fi buqqisuun dararaa jirtu gootummaa fi cichoomina qabu itti agarsiisuun du’aa fi madoon adabee saamichaa fi du’a ummata irratti raawwachuuf deemtu hanqisaa jira.

Keessumaa tarkaanfii bifa haaraan Bobbaa Irbuu Shinnigaa waraana faashistii irratti Caamsaa 28, 2024 eegaleen injifannoo galmeessaa jira.

Akka kanaanis irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn zoonii giddu-galeessa Kaaba Shaggar aanaa Yaayyaa Gullallee, Dagam, Muka Xurii fi Hidhabuu Abootee keessatti diina bahaa gala dhowwuun guyyaa itti dukkaneessuun oliif gadi gugsee gariin yoo ajjeessuu gariin madeessee ajajaa 50 tokkoos harkaan qabuun paatiroolii 2 hojiin ala godheera.

Akkaatuma Kanaan Kaaba Shaggar aanaa Yaayyaa Gullallee ganda Daadee Duuftuu keessatti Waxabajjii 11, 2024 taarkaanfii fudhateen 7 battalatti ajjeesuun gariin ammoo madoon adabeera.

Godinuma kana aanaa Dagam Bosona Ileenii jedhamuun beekamu keessaatti Waxabajjii 12,204 sa’a 10:00 irratti otuu paatiroolii fi humna lafoon deemtuu gootichi itti marsuun lafa itti dhiphisee addaan firfirsee paatiroolii 2 fi loltoota achirratti argaman hojii ala godhuun madoo ishee keessaas namni lama hospitaalatti du’uun dhaga’ameera.

Waxabajjii 11, 2024 waraanni golessituun PP Sulultaa fi Muka Xurii gidduu otuu paatirooliin deemtuu gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo haxxee itti hidhee ajajaa 50 tokkos harkaan qabuun injifannoo boonsaa galmeessera.

Dabalataanis godinuma kana aanaa Hidhabuu Abootee ganda Dirree Baantuu keessaatti Waxabajjii 12, 2024 milishoota bilxiginnaa loon uummataa saamuuf baadiyaatti bobba’aa jirtuu irratti taarkaanfii fudhachuun 2 battalatti irraa ajjeessee kaan madeessuun ari’ee bakka irraa dhuftetti deebisuun injifannoon xumureera.

Taarkaanfii WBOn fudhatu jabaatee itti fufa❗️

BobbaaIrbuuShinniggaa

Injifannoon Uummata Oromoof ❗️

Exit mobile version