Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

WBOn Zoonii Giddu Galeessaa Lixaa fi Kaaba Shaggar keessatt tarkaanfii diina irratti fudhatu jabeesse

ONM-ABO Waxabajjii 15,2024 Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti Bobbaa Irbuu Shinniggaan fudhatu cimsee jira.

Haaluma kanaan har’a Waxabajjii 15 jajjabeen WBO zoonii giddu-galeessaa Kaaba Shaggar aanaa Kuyyuu ganda Kooyyee Aqaalee iddoo addaa Gabaa Roobii jedhamtutti ergamtoota Abiy Ahimed hedduu du’aa fi madoon adabee jira.

Guyyuma har’aa Kaabuma Shaggar aanaa Kuyyuu Magalaa Biriitii, ganda Laga Kottee, ganda Booddee Gidaaboo fi ganda Liiban Kuraa keessatti sa’a 5:30 qabe hanga galgalaatti tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti fudhachaa tureen injifannoo boonsaa galmeesseera.

Lolli kun guyyaa har’aa godina Lixa Shaggar aanaa Jalduu fi Ilfataa keessattis itti fufee ooleera.
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Bobbaa Irbuu Shinniggaan tarkaanfii aanaa Jalduu ganda Osolee keessatti fudhateen waraana faashistii PP du’aa fi madoon adabee jira.
Aanaa Ilfataa buufata waraana bilxiginnaa adda addaa keessattis WBOn rasaasaan hurgufaa ooleera.

Guutuu gabaasa kanaa akkaataa nu qaqqabeen isiniin geenya.

Injifannoon Uummata Oromoof ❗️

Exit mobile version