ONM-ABO Onkoloolessa 12, 2024
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn Zoonii Giddu Galeessaa tarkaanfii laalessaa godina Kaaba Shaggar keessatti fudhatu jabeessee jira.
Haaluma kanaan Roobii darbe Onkoloolessa 9, 2024 gootichi irree sabaa Waraanni Bilisummaa Oromoo Zooni Giddu Galeessaa Kaaba Shaggar aanaa Darraa keessatti tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti fudhateen loltoota isaanii irraa battalatti 35 ajjeesee 17 madeessuun meeshaalee waraanaa garaagaraa irraa hiikee jira.
Leencotni giddu galeessa Oromiyaa kaleessa Onkoloolessa 11 godinichuma aanaa Kuyyuu keessattis waraana faashistii PP adabuun injifannoo boonsaa galmeessee jira.
Tarkaanfii WBOn Kaaba Shaggar keessatti fudhatu sababa quunnantiin interneetii hin jirreef akkaataa nu qaqqabeen isin biraan ga’aa deemna.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗

