ONM-ABO Onkoloolessa 13, 2024
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa Zoonii Giddu Galeessaa keessatti waraana faashistii PP irratti fudhachuu itti fufee jira.
Haaluma kanaan Onkoloolessa 7, 2024 Kaaba Shaggar bahiinsa magaalaa Fiichee bakka addaa Torban Ashee irratti tarkaanfii laalessaa waraana maafiyaa PP irratti fudhateen waraana PP daaraa gochuun Oraalii 1 fi Paatiroolii 1 gubee barbadeessee meeshaalee waraanaa irraa hiikee jira.
Godinuma Kaaba Shaggar aanaa Kuyyuu bakka addaa Qarree Ta’aa jedhamtutti Jimaata darbe Onkoloolessa 11 tarkaanfii laalessaa fudhateen du’aa fi madoon adabuun injifannoo boonsaa galmeessee jira. Lola kanaan meeshaalee gurguddaa fi waraanni PP booji’amuun barameera.
Kaleessa Onkoloolessa 12 Lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaa ganda Karkarreesaa keessatti gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo tarkaanfii waraana faashistii PP irratti fudhateen injifannoo boonsaan galmaa’eera.
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddu Galeessaa tarkaanfii torbee darbe Kaaba Shaggar aanaa Darraa dabalatee bakkoota adda addaa keessatti fudhateen meeshaalee akka isnaayippera, PKM, AKM, rasaasaa, uffata waraanaa fi galaa dugda waraana koloneel Abiy Ahimed irraa hiikkachuun injifannoo cululuqaa galmeessee jira.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗

