ONM-ABO Hagayya 22, 2024
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBO’n tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti fudhatu jabeessuun kaleessa Hagayya 21, 2024 Lixa Wallaggaa aanaa Boojjii Birmajjii keessatti diina du’aa fi madoon adabee jira.
Tarkaanfii aanaa Boojjii Birmajjii ganda Hidhabuu Toobbii bakka addaa Hidhabuu Qarree jedhamtu keessatti waraana PP paatiroolii 5’n deemaa turte irratti fudhatame kanaan waraanni PP baaraaguun kanneen hafte yeroo baqatutti humni dabalataa achi ga’uun lafa duwwaatti dhukaasaa turuun barameera.
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Itti Fufiinsa Bobbaa Irbuu Shinniggaan tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti fudhatu jabeessuun WBO’n Zoonii Harsadee fi Zoonii Bahaa diina du’aa fi madoon adabee jira.
Haaluma kanaanis Hagayya 20, 2024 humni waloo Zoonii Bahaa fi Harsadee daangaa godina Baha Shaggar fi Lixa Harargee gidduutti argamu aanaa Fantaallee ganda Cophii bakka addaa Laga Arbaa jedhamtutti tarkaanfii jabduu fudhateen loltoota Abiy Ahimed irraa 9 ajjeesee 20 madeessee jira.
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBO’n Zoonii Kibba Bahaa Cibraan Hambaa Aanoolee diina Itti Fufiinsa Bobbaa Irbuu Shinniiggaa fashaleessuuf bobbatetti haxxee itti hidhuun du’aa fi madoon adabuu beeksisee jira.
Hagayya 20, 2024 godina Arsii Bahaa aanaa Martii ganda Wataroo Diinoo Ardaa Haroorettii, Diinoo fi Saalaa jedhamu keessatti loltoota impaayera Itiyoophiyaa tiksuuf bobbaate haxxee itti hidhuun battalatti 54 irraa yoo ajjeesu 38 madeessee jira.
Meeshaa AKM 6 hidhannoo guutuu waliin irraa hiikuun loltoota hafte ari’ee baasee jira.
Ittuma fufuun Cibraan Hambaa Aanoolee kaleessa ganama Hagayya 21,2024 Arsii Bahaa aanaa Martii ganda Wataroo Diinoo Ardaa Harooreettii keessatti diina humna reebduu bakka kaleessa itti rukutamte irraa reeffaa fi madoo kaafachuuf achitti yaatu haxxee itti hidhuun 8 irraa ajjeesee 3 madoon adabuun injifannoo boonsaa galmeessee jira.
Abdii fi gaaddisni sabaa WBO’n Zoonii Bahaa, Harsadee fi Kibba Bahaa ganama kaleessaa Hagayya 21,2024 tarkaanfii waloo waraana faashistii PP irratti fudhataniin injifannoo boonsaa galmeessan.
Jajjabeen WBO zooniilee sadeenii waraana faashistii PP aanaa Fantaallee fi Abboomsaa irraa itti dhufte bakka Abboomsaa Saalaa fi Dachee jedhamtutti du’aa fi madoon adabuun baqachiisee of duuba deebisee jiraachuu Ajajoota zooniilee irraa adda baasuun danda’ameera.

