Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

WBOn Zoonii Giddu Galeessaa Aanaa Kuyyuutti lola bakka afuritti geggeesseen injifannoo boonsaa galmeesse

ONM-ABO Waxabajjii 17, 2024

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Bobbaa Irbuu Shinnigaan tarkaanfii laalessaa giddu galeessa Oromiyaa Kaaba Shaggar aanaa Kuyyuu keessatti fudhateen reeffa diinaa wal irra tuulee, gariin madeessuun meeshaalee waraanaas irraa hiikee jira.

Lola bakka afur aanaa Kuyyuutti geggeeffame kanaanis loltoota faashistii PP 116 ajjeesuun 143 madeessee jira.

Reeffaa fi madoo dirqamaan uummata guursisaa kan turan yoo ta’u, madoon isaanii yeroo ammaa hospitaala Kuyyuu fi Fiichee, akkasumas; buufata fayyaa Biriitii fi Dagam keessatti tajaajila fayyaa argachaa jiraachuun barameera.

Gama meeshaatiinis aanuma Kuyyuu keessatti lola kaleessaa fi dheengadda Waxabajjii 15 fi 16, 2024 waraana faashistii PP irratti WBOn taasiseen qawwee AKM 112, rasaasa hedduu, hidhannoo, reenjerii fi qophii waraanaa hedduu irraa hiikuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasiseera.

Bobbaan_Irbuu_Shinniggaa itti fufa❗️

Injifannoon Uummata Oromoof ❗️

Exit mobile version