Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Isnaayipperii, PKM fi AKM’n WBO Zoonii Giddu Galeessaan aanaa Kuyyuu keessatti waraana faashistii PP irraa hiikame

ONM-ABO Waxabajjii 24, 2024

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBO’n Bobbaa Irbuu Shinniggaan tarkaanfii fudhachaa jiruun Giddu Galeessa Oromiyaa Kaaba Shaggar aanaa Kuyyuu keessatti diina irratti injifannoo cululuqaa galmeessee jira.

Lola xiiqiin guutame gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo imaanaa goototaa faajjii taasifatee dheengadda Waxabajjii 22, 2024 aanaa Kuyyuu gandoota akka Yuuyyoo Cabaree, Yuuyyoo Goosee, Kooyyee Aqaalee, Tamsaasa Roggee fi Qarree Taa’aa keessatti kashalabboota barcuma Abiy Ahimed tiksuuf bobbaate irratti geggeesseen hedduu ajjeesee gariin madeessuun hawaasa gidduutti qaaneessee of duuba deebisee jira.

Tarkaanfii gootummaan kanaan;

 Qawwee AKM 85

PKM                  5

Isnaayippera    8

Rasaasa hedduu dugda diinaa irraa hiikuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii yoo taasisu, loltoota bilxiginnaa 17  jiraatti harkaan qabee haamilee ishees cabseera.

Korommiiwwan ilmaan Oromoo warreen roorroon sabaa manaa isaan baase lola jajjabaa Kaabuma Shaggar aanaa Dagam fi Moloo keessatti dheengadda kan taasisan yoo ta’u, injifannoo irraa argame akkaataa nu qaqqabeen qulqulleessinee kan isiniin geenyu ta’a.

Exit mobile version