Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Isnaayipperri, PKM fi AKMn WBO Zoonii Giddu Galeessaan aanaa Kuyyuu keessatti waraana faashistii PP irraa hiikame

ONM-ABO Waxabajjii 23, 2024

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn Bobbaa Irbuu Shinniggaan tarkaanfii fudhachaa jiruun Giddu Galeessaa Oromiyaa Kaaba Shaggar aanaa Kuyyuu keessatti diina irratti injifannoo cululuqaa galmeessee jira.

Lola xiiqiin guutame gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo imaanaa goototaa faajjii taasifatee kaleessa Waxabajjii 22 aanaa Kuyyuu gandoota akka Yuuyyoo Cabaree, Yuuyyoo Goosee, Kooyyee Aqaalee, Tamsaasa Roggee fi Qarree Taa’aa keessatti kashalabboota barcuma Abiy Ahimed tiksuuf bobbaate irratti geggeesseen hedduu ajjeesee gariin madeessuun hawaasa gidduutti qaaneessee of duuba deebisee jira.

Tarkaanfii gootummaan WBO keessatti diina sodaachiseen humnoota impaayeraa irraa:
Qawwee AKM 85
PKM 5
Isnaayippera 8
Rasaasa hedduu dugda diinaa irraa hiikuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii yoo taasisu, loltoota bilxiginnaa 17 jiraatti harkaa qabee haamilee ishees cabseera.

Korommiiwwan ilmaan Oromoo warreen roorroon sabaa manaa isaan baasee lola jajjabaa Kaabuma Shaggar aanaa Dagam fi Moloo keessatti kaleessa kan taasisan yoo ta’u, injifannoo irraa argamee akkaataa nu qaqqabeen qulqulleessinee kan isiniin geenyu ta’a.

Odeeffannoo WBOf Arraata Biyyoolessa Oromiyaa hordofaa❗

Bobbaan_Irbuu_Shinniiggaa itti fufa ❗

Injifannoon Uummata Oromoof ❗

Exit mobile version