Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

WBO’n Zoonii Giddu Galeessaa Bakkoota adda addaatti diina adabe

ONM-ABO Hagayya 12, 2024 

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBO’n tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti fudhachuu itti fufee jira.

Haaluma kanaan Hagayya 10, 2024 magaalaa Shaggar Siitii aanaa Sulultaa ganda Calalaqaa keessatti WBO’n tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti fudhateen ajajaa 1000  tokkoo fi eegdota isaa ajjeesuun meeshaalee irraa dhuunfatee jira.

Aanuma Sulultaa ganda Ekkaa keessatti ganama kaleessaa  tarkaanfii ergamtoota PP irratti fudhateen du’aa fi madoon adabee jira.

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBO tarkaanfii fudhatu itti fufuun ganama kaleessaa godina Kaaba Shaggar aanaa Dagam magaalaa ganda Shanoo jedhamu keessatti tarkaanfii waraana maafi’aa PP lafoo fi konkolaataan deemtu irratti fudhateen injifannoo boonsaa galmeessee jira.

Tarkaanfii kanaanis humna diinaa du’aa fi madoon adabuun konkolaataa paatiroolii 1 hojiin ala taasiseera.

Giddu Galeessa Oromiyaa Lixa Shaggar aanaa Noonnoo magaalaa Silaakaambaa fi magaalaa Daargee keessatti guyyaa kaleessa tarkaanfii laalessaa WBO’n fudhateen injifannoo boonsaa galmeessee jira.

Exit mobile version