Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

WBO’n Zoonii Kibbaa Konyaa Gujii Lixaa aanaa Dugdaa Daawaa fi Qellem Wallaggaa aanaa Sayyoo Keessatti  Waraana PP Irratti Tarkaanfii Fudhachuu Beeksise

ONM-ABO Adooleessa 4, 2024

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBO’n Zoonii Kibbaa konyaa Gujii Lixaa osoo kaabinee fi kaadireen PP godina Booranaa fi Gujii waliin taanee WBO’tti duulla jechuun waraana ishee waliin mari’attuu godina Gujii Lixaa aanaa Dugdaa Daawwaatti dheengadda Adoolessa 2, 2024 halkan keessaa sa’a 5:00’tti  tarkaanfii fudhateen hedduu du’aa fi madoon adabee jira.

Tarkaanfii kanaanis gama meeshaatiin qawwee AKM 2 Rasaasa AKM 60 waliin irraa hiikuun galii dantaa qabsoo bilisummaa Oromootiif oolchee jira.

Qaqqaaliiwwan ilmaan sabaa jajjabeewwan Zoonii Lixaa godina Qellam Wallaggaa aanaa Sayyoo ganda Guutee Sooyyamaa naannoo Dirree Xiyyaaraatti kaleessa Adoolessa 3, 2024 tarkaanfii diina ijibaachisu fudhachuun gadoochiisee addaan faffacaasuun kaan ajjeesee, kaan madeessuun meeshaalee garaagaraas irraa hiikuun galii godhee jira.

Lola qindaa’aa WBO’n Zoonii Lixaa geggeesseen waraana faashistii PP irraa battalatti 16 ajjeesuun 6 irraa madeessee ari’ee fiigsisuun  injifannoo boonsaa galmeessee jira.

Gama meeshaanis  hidhannoo isheen qabattee ittiin hawaasa nagaa dararuuf baate AKM 4 hidhannoo guutuu waliin irraa hiikee galii mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof akka taasise ajajaan waraana bilisummaa Oromoo ona sanaa gabaaseera.

Tarkaanfii WBO’n fudhatu hanga bilisummaa fi walabummaatti itti fufa❗

Exit mobile version