ONM-ABO Adoolessa 21, 2024
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti fudhatu jabeessee jira.
Haala kanaanis har’a Adoolessa 21, 2023 gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo WBOn zoonii kibbaa Konyaa Gujii lixaa Aanaa Dugda Daawwaa ganda Biyyoo Qundhii keessatti Moonaa diinaa weeraruun loltoota PP tokkolle osoo hin hafin daaraa taasisee jira.
Loltootni kun warra poolisii humna addaa ofiin jedhan yoo ta’u, rasaasa jajjabee WBOn akka baalaa harcaa’anii jiru.
Tarkaanfii kanaanis meeshaalee waraanaa qawwee AKM 25 irraa hiikuun loltoota 4 booji’ee mooraa diinaas dhuunfatee jira.
Tarkaanfii WBOn fudhatu jabaatee itti fufa!
Injifannoon Uummata Oromoof!

