Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Gabaasa tarkaanfii gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo Adoolessa 29,2022

Gabaasa tarkaanfii gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo Adoolessa 29,2022.

( ONM-ABO Adoolessa 29,2022 )

Abdii fi gaaddisni saba Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa waraana weerartuu PP irratti fudhatu jabeessee itti fufuun Oromiyaa bakkoota garaagaraa keessatti diina watwaachisaa jira.

Haaluma kanaan irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn zoonii kibbaa konyaa Gujii bahaa keessa socho’u cibraan Odaa Adoolaa aanaa Waadaraa ganda Caloo iddoo addaa Laga Abarraa jedhamutti Adoolessa 27,2022 tarkaanfii cimaa waraana garboonfata PP kan maqaa sakattaatiin bobba’an irratti fudhateen loltoota diinaa 18 battalumatti du’aan yoo gaggeessu 20 ammoo madeesse jira.

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn zoonii kibbaa konyaa gujii bahaa keessa socho’u cibraan Odaa Adoolaa aanaa Waadaraa ganda Handoyaa Kinoo iddoo addaa Dibbee Badheesaa jedhamutti Adoolessa 28,2022 waraana PP kan maqaa sakattaatiin bobbaate irratti tarkaanfii cimaa fudhateen loltoota PP 26 battalatti ajjeesee 30 madeessuun injifannoo boonsaa galmeessee jira.

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn zoonii kibbaa konyaa Gujii bahaa keessa socho’u Cibraan Odaa Adoolaa aanaa Adoolaa Reeddee ganda zanbaabaa iddoo addaa Hartee jedhamutti Adoolessa 27,2022 waraana garboonfataa PP kan maqaa sakattaatiin bobbaate irratti tarkaanfii cimaa fudhateen loltoota PP 8 battalumatti du’aan yoo gaggeessu 6 ammoo madeessuun injifannoo cululuqaa galmeessee jira.

Korommiin ilmaan sabaa WBOn zoonii kibbaa konyaa Gujii lixaa keessa sosso’u Cibraan Madda Albuudaa Aanaa Qarcaa Ganda Gaalessa Sookkee keessatti har’a ganama Adoolessa Adoolessa 29,2022 sa’a 11:00 irraa kaasuun hanga gabaasni kun qindaa’etti abidda itti gabbisuun loltoota bilxiginnaa hedduu ajjeesuun gariin madeessee jira.

Gabaasa guutuu akka qindeeffanneen kan isiniin geenyu ta’a.

Tarkaanfiin hanga bilisummaa fi walabummaatti itti fufa!

Horaa bulaa deebanaa

Injifannoon Uummata Oromoof!

Exit mobile version