Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Gabaasa tarkaanfii gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo

Gabaasa tarkaanfii gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo

ONM-ABO Fulbaana 6, 2022 Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa waraana weerartuu PP irratti fudhatu itti fufuun diina du’aa fi madoon adabee jira.

Wabii fi gaaddisni saba Oromoo WBOn zoonii Kibbaa bahaa Oromiyaa cibraan Jaal Nadhii Gammada Buttaan Heebaan Arsii dheengadda Fulbaana 4/2002 waaree booda toora sa’a 10:00 irratti godina baha Shaggar aanaa Adaamii Tulluu Jiddoo Kombolchaa magaalaa Oo’ituu seenuudhaan gootichi onnee sibiilaa WBOn haleellaa geggeessee jira.

Tarkaanfii guggubduu korommiiwwan WBO zoonii kibba bahaa waraana bilxiginnaa irratti fudhataniin battalatti 8 irraa ajeesuun 10 madeessanii jiru.

Mooraa isaan mandheeffatanii turan guutumattii barbadeessuun meeshaa waraanaa qawwee AKM 3 kompiyuutera garaagaraa boji’uun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof oolchee jira.
Abdii fi wonteen uummata Oromoo WBOn zoonii kibbaa konyaa Gujii Bahaa keessa socho’u cibraan Odaa Adoolaa Fulbaana 5,2022 aanaa Waadaraa mooraa diinaa magaalaa aanichaa Waadaraa keessatti argamu barraaqaan itti seenuun tarkaanfii laalessaa waraana weerartuu PP irratti fudhateen loltoota 6 battalatti yoo ajjeesu 9 madeessuun injifannoo boonsaa galmeesse jira.

Uummatni Oromoo garbummaa bara dheeraa jalaa afaan qawwee qofaan ba’a!

Horaa bulaa deebanaa

Injifannoon Uummata Oromoof!

Exit mobile version