Gabaasa tarkaanfii gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo
ONM-ABO Fulbaana 16,2022 Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii waraana weerartuu PP irratti fudhatu jabeessee itti fufee jira.
Akka kanaanis kibba Oromiyaa godina Gujii Lixaa keessatti abdii fi gaaddisni saba Oromoo WBOn Zoonii kibbaa cibraan Gooroo Dugdaa, Buttaan Baddaa magaadaatii fi Carii Burqa waliin ta’uun lukeelee diinaa aanaa Bulee Horaa ganda Burqaa Arbichootti ariitee Boollatti yemmuu naquu tokko ammoo fayyaa qawwee wajjiin dhuunfatee jira.
Gama meeshaatiin qawwee AKM 2 irraa booji’uun galii dantaa qabsoo bilisummaa Oromootiif oolchee jira.
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo WBO tarkaanfii isaa itti fufuun zoonii lixaa godina Bunnoo Beddellee ona Daaboo Haannaa bakka Caammanii jedhamutti tarkaanfii laalessaa kaleessa waaree booda Fulbaana 15,2022 fudhateen waraana bilxiginnaa gariin ajjeesuun gariin ammoo madeesseera.
Waraanni bilxiginnaa gara godina Bunnoo Beddelleetti dhufuun haleelamte kun kan torbee darbe Abiy Ahimed xiyyaaraan magaalaa Jimmaa keessatti buusaa ture akka ta’e barameera.
Irree fi gaachanni uummata Oromoo kan ta’e WBOn zoonii kibbaa konyaa Gujii lixaa Cibraan Gumaabaas Tuulaa Surroo aanaa Bulee Horaa ganda Gaadduu Yaabaa Sireetti kaleessa Fulbaana 15/2022 ganama sa’a 2:00 irratti waraana faashistii Abiy Ahimed, uummata Oromoo gidirsuu fi saamuuf duula qjndaa’a tolfate dhufe irratti tarkaanfii laaleessaa WBOn fudhateen nama 20 ol irraa yemmuu ajjeesu, nama 17 madeessera.
Guyyuma har’aa Fulbaana 16,2022 humna diinaa reeffaa fi madoo guuruuf konkolaataa 10 oliin Bulee Horaa dhufe, WBOn duratti darbee haxxe hidhuun sa’a 12:00 humna diinaa fi konkolaata isaanii waliin nama 31 ol dhabamsiiseera.
Hanga gabaasni kun qindaa’etti humni rukutame kun bakkuma lolame buluun reeffaa fi madoo walin rakkataa ture.
Tarkaanfii WBOn fudhatu hanga Bilisummaa fi Walabummaatti itti fufa.
Horaa bulaa deebanaa
Injifannoon Uummata Oromoof !

