Gabaasa tarkaanfii gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo Hagayya 5, 2022n
( ONM-ABO Hagayya 6,2022 )
Gabaasa Tarkaanfii Kaleessaa
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa waraana weerartuu bilxiginnaa irratti fudhatu jabeessuun injifannoo boonsaa gonfachaa jira.
Haaluma kanaan korommiin lixa biiftuu WBOn zoonii lixaa keessa sosso’u godina lixa Wallaggaa ona Begii ganda Gabaa Kamisaa keessatttii fi magaalaa Begii keessatti Hagayya 3,2022 geggeessaa turuun injifannoo cululuqaa galmeessee jira.
Lola ganda Gabaa Kamisaa keessatti ganama eegaleen gootichi onnee sibiila rasaasa akka bokkaa itti roobsuun baarudaan macheessee battala lolaa irraa buqqisuun of duuba magaalaa Begiitti kan deebise yoo ta’u, yeruma sana magaalaa Begii kallattii mana barumsaa sadarkaa 1ffaa fi 2ffaan itti seenuun reeffaa fi madoo ishee wal irra tuuleera.
Lola Roobii darbe aanaa Begii ganda Gabaa Kamisaa fi magaalaa Begii keessatti geggeeffameen loltoota bilxiginnaa 60 ol yoo ajjeesu 45 maddeessuun afur jiraa harkaan qabee jira.
Lola kanaan injifannoo boonsaa kan galmeesse WBOn qawwee AKM 20, PKM 1 fi meeshaa waraanaa garaagaraa mooraa isaanii magaalaa Begii keessaa dhuunfachuun doqdoqqee fi konkolaataa waraanni bilxiginnaa itti tajaajilamu gubuun barbadeessanii jiru.
Kana malees magaalicha keessa olii fi gadi ari’uun bakka qubannaa dhabsiisanii jiru.
Lolli kun kaleessas guyyaa guutuu itti fufee waan tureef gabaasa guutuu qopheessuun isiniif kan dhiheessinu ta’a.
Leencotni ilmaan Oromoo WBOn zoonii Giddu Galeessa Oromiyaa godina kaaba Shaggar keessa sosso’u ona Warra Jaarsoo ganda Haroo Mikaa’el keessaati tarkaanfii akkaan guggubduu waraana ergamtoota sirna nafxeenyaa Abiy Ahimediin bobbaafaman irratti dheengadda Hagayya 4,2022 fudhateen battalatti 12 ajjeesuun 7 madeessee jira.
Tarkaanfiin waraana weerartuu bilxiginnaa irratti WBOn fudhatamu hanga sirnichi buqqa’utti itti fufa!
Horaa bulaa deebanaa
Injifannoon Uummata Oromoof!

