Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Gabaasa tarkaanfii gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo

Gabaasa tarkaanfii gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo.

Gabaasa kaleessaa

ONM-ABO Hagayya 10, 2022 Irree fi wanteen uummata Oromoo WBOn tarkaanfii guggubduu waraana faashistii PP irratti fudhatu itti fufuun ergamtoota Abiy Ahimed du’aa fi madoon adabee jira.

Haaluma kanaan WBOn Zoonii Lixaa Birgeediin Odaa Bulluq Cibraa Abiishee Garbaa fi Humni Furgaatuu Aduu Saafaa wal ta’uun kaleessa Hagayya 9,2022 godina Baha Wallaggaa aanaa Gudayyaa Biilaa ganda Guutee Caancoo bakka addaa Gabaa Saawwaa jedhamutti diina baay’ina loltoota 300 oliin magaalaa Biilaa irraa ba’uun dheengadda halkan Guutuu deemaa buluun dhuftee irratti tarkaanfii akka bakakkaa fudhateen du’aa fi madoo cimaan adabeera.

Tarkaanfii laalessaa kanaanis gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo humna diina irratti dhukaasa akka bokkaa yandoo Itti roobsuun watwaachisaa oolee jira.
Humni diinaa guddaan kun dhukaasa falmattoota haqaan miidhaman yoo ta’u kan hafan boqqolloo fi buna namootaa keessa kottee na baasi jechuun seenanis hanga gabaasni qindaa’etti hin baane.

Reeffii fi madoon illee kafachuu hin dadhabuun reeffi ishee rooba keessa ciisaa ture.

Injifannoo kanaan du’aan kan adabaman 32 yoo ta’u madoon 23 ta’uun barameera.

Lola kanaan loltootni bilxiginnaa 5 harkaan kan qabaman yoo ta’u madoo fi reeffi boqqolloo fi buna keessa akka jiru jiraattootni naannichaa ni dubbatu.

Gama meeshaatiin qawwee AKM 104, qawwee Turkii gurraacha jedhamee beekamu 20 fi AK 47 baay’inni isaa 7 ta’e akkasumas gumbii, rasaasa, meeshaalee garaagaraa hedduu dugda diinaa irraa hiikkatuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof QBOf galii taasisee jira.

Korommiin lixa biiftuu WBOn zoonii lixaa tarkaanfii isaa itti fufuun kaleessa Hagayya 9,2022 godina Lixa Wallaggaa ona Ganjii ganda Ganjii keessatti diina irraa dhukkee kaasuun 13 battalatti yoo ajjeesu 8 madeessee jira.

Guyyuma kaleessaa godinuma lixa Wallaggaa ona Sayyoo Noolee ganda Qoree Kokir keessattis diina watwaachisaa ooleera.
Tarkaanfii ona Sayyoo Naalee ganda Qoree Kokir keessatti sa’a laaqanaa irratti fudhatameen 15 ajjeesuun 9 madeessanii jiru.

Abdii fi gaaddisni saba Oromoo tarkaanfii leellistoota sirna Minilikii irratti fudhatu itti fufuun har’a Hagayya 10,2022 toora sa’a 5:30 irratti Tarkaanfii laalessaa waraana weerartuu PP oraalii tokkoo fi ISUZU 1 irratti godina Lixa Wallaggaa ona Laaloo Assaabii magaalaa Dongooroo jala bakka addaa Ulaa Bakkee jedhamtutti fudhateen 9 ajjeesee 7 madeesseera.

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn zoonii kibbaa konyaa Gujii Bahaa keessa socho’u cibraan Laga Dambii aanaa Sabbaa Boruu ganda Siree Buqqii iddoo addaa bakka Carii Baqaqaa jedhamutti waraana garboonfataa PP kan konkolaata sadii fi miilaan deemaa turte irratti tarkaanfii cimaa fudhateen loltoota bilxiginnaa 15 battalumatti du’aan yoo gaggeessu 18 ammoo madeessuun injifannoo boonsaa galmeesse jira

Tokkummaan Oromummaa irbuu Shinniggaan kan eegamtee dha!

Horaa bulaa deebanaa.

Injifannoon Uummata Oromoof!

Exit mobile version