.
Gabaasa tarkaanfii gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo
ONM-ABO Hagayya 17,2022 Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa waraana weerartuu PP irratti fudhatu jabeessuun injifannoo boonsaa gonfachaa jira.
Kaleessa Hagayya 16,2022 WBOn zoonii lixaa godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Gannatii, ganda Gidaamii Dabshoo bakka addaa Laliseetti ganama sa’aa 4:00 irratti loltoota bilxiginnaa irratti lolaa jabaa geggeessee jira.
Humna waraana faashistii kan magaalaa Haratootii halkan baa’anitti Haxxee hidhuun ganama konkolaataa 3f lamaan humna gowwoomsituu Haratoo gara Shaambuutti qajeelchitus jajjabeen dursee odeessa waan qabuuf konkolaataa dhiisee warra halkaniin haxxee hidhee buletti duubaan cabsuun rasaasaa fi boombiin akaa’ee 9 biyyeetti yoo dabalu 6 madeessuun hospitaala Shaambuutti ergeera.
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibbaa ona Bulee Horaa keessatti ganama har’aa Hagayya 17,2022 tarkaanfii laalessaa diina irratti fudhatee jira.
Gujii Lixaa ona Bulee Horaa ganda Gaalee Magadaatti gootichi abbaa Haqaa WBOn waraana weerartuu bilxiginnaa irratti tarkaanfii fudhateen diinni baaraguun of duuba deebi’aniiru.
Tarkaanfii ganamaan diina rifaasise kana fudhachaa kan ture WBOn zoonii kibbaa konyaa Gujii Lixaa keessa sosso’u Cibraan Gooroo Dugdaatii fi Madda Albuudaa diina uummata Oromoo dhukkee irraa kaasuun hedduu du’aa fi madoon adabee akka jiru beeksiseera.
Tarkaanfii WBOn fudhatu hanga sirni cunqursaa buqqa’utti itti fufa!
Horaa bulaa deebanaa!
Injifannoon uummata Oromoof!

