Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Gabaasa tarkaanfii gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo Hagayya 3, 2022

Gabaasa tarkaanfii gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo Hagayya 3, 2022

( ONM-ABO Hagayya 3, 2022 )

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii akkaan guggubduu waraana faashistii Abiy Ahimed irratti fudhatu jabeessee itti fufee jira.

Haaluma kanaan gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo zoonii giddu galeessaa lixa Shaggar keessa sosso’u Buttaan Jagamaa Badhaanee kaleessa Hagayya 2,2022 toora sa’a 10:00 irratti onoota lama keessatti tarkaanfii laalessaa fudhatee jira.
Guyyuma kaleessaa sa’a 9:00 hanga sa’a 10:00 gidduutti ona Amboo ganda Gorfofaa bakka addaa Bantii fi ona Ilfataa ganda Qooftuu keessatti lola jabaa geggeesseen loltoota PP hedduu du’aa fi madoon adabee jira.

Humni waraana bilxiginnaa aanaa Ilfataa irraa kan dhufan yoo ta’u lola ona Ilfataa ganda Qooftuu keessatti taasifameen reeffaa fi madoo konkolaataa lamaan kaafachuun lola ona Amboo ganda Gorfofaa keessatti ammoo du’aa 11 fi madoo torbaan adabuun injifannoo boonsaa galmeessee jira.

Korommiin ilmaan Oromoo WBOn zoonii kibbaas tarkaanfii weertoota ilmaan Minilik irratti fudhatan itti fufuun WBOn konyaa Gujii bahaa keessa socho’u Cibraan Odaa Adoolaa aanaa Waadaraa ganda Handoyaa Kinnoo keessatti Hagayya 2,2022 ganama bariin itti cabsuun waraana garboonfataa PP kan maqaa sakattaan bobba’uun uummata nagaa goolaa turte irratti tarkaanfii cimaa fudhateen loltoota PP 18 battalatti yoo ajjeesu 15 ol madeessuun injifannoo boonsaa galmeessee jira.

Irree isaa waraana weerartuu bilxiginnaa irratti guyyaa guyyaan agarsiisuu kan itti fufee abdii fi gaaddisni saba Oromoo WBOn zoonii kibbaa konyaa Gujii bahaa keessa socho’u Cibraan Odaa Adoolaa Hagayya 3,2022 aanaa Waadaraa ganda ancooqaa iddoo addaa buufata fayyaa Ancooqa jedhamutti waraana PPn kan maqaa sakattaatiin bobba’uun uummata nagaa hiraarsaa turte irratti har’a ganama bariin itti cabsuun tarkaanfii cimaa fudhateen loltoota PP 18 battalatti ajjeese 13 ammoo madeessuun injifannoo boonsaa galmeesse jira

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn zoonii kibbaa konyaa Gujii bahaa keessa socho’u Cibraan Odaa Adoolaa aanaa Waadaraa ganda Gadamsoo iddoo addaa Kiliwwee jedhamutti Hagayya 3,2022 waraana weerartuu PP kan maqaa sakattaatiin bobbaate irratti tarkaanfii laalessa fudhateen loltoota PP 21 battalatti yoo ajjeesu 14 ammoo madeessee jira.

Lola kanasn uffata waraanaa hedduu irraa booji’uun injifannoo boonsaa galmeesse jira

Tarkaanfii WBOn fudhatu hanga bilisummaa fi walabummaatti itti fufa!

Horaa bulaa deebanaa!

Injifannoo uummata Oromoof

Exit mobile version