Cuunfaa Gabaasa tarkaanfii gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo
ONM-ABO Fulbaana 20, 2022 Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa waraana weerartuu PP irratti fudhachuu itti fufuun godina Qellem Wallaggaa ona Sayyoo keessatti diina du’aa fi madoon adabee meeshaalee waraanaa garaagaraa irraa hiikee jira.
Lola har’a Fulbaana 19, 2022 waaree booda toora sa’a 7:00 irraa eegaluun sa’a 2:00f WBOn ona Sayyoo ganda Eeshoo keessatti geggeesseen loltoota PP 8 ajjeesee 15 madeessuun hospitaala Dambii Doollootti erguun qawwee AKM 4 ,rasaasa bireenaa sanduqa 1 harkaa dhuunfachuun of duuba deebisee jira.
Gootichi Abdii sabaa WBOn tarkaanfii godina Bunnoo Beddellee keessatti fudhateen diina harceesee meeshaalee waraanaa fi waraana bilxiginnaa hedduu booji’ee jira.
Abdii fi gaaddisni saba Oromoo WBOn Zoonii Lixaa tarkaanfii diina baaragsu fudhachuu itti fufuun diina godina Bunnoo Beddelle aanaa Cawwaaqaa keessatti du’aa fi madoo hedduun adabee meeshaalee waraanaa fi waraanaa bilxiginnaa hedduu booji’ee jira.
Lola kaleesaa Fulbaana 19,2022 ganama irraa eegaluun godina Bunnoo Beddellee ona Cawwaaqaa ganda Cawwaaqaa 2ffaa keessatti eegaleen gootichi Waraana Bilisummaa Oromooo loltoota qindaa’oo murna bilxiginnaa kanneen mataan nafxanyootaa Abiy Ahimed torbee darbe keessa xiyyaaraan magaalaa Jimmaatti buusuun magaalaa Beddellee keessatti poolisoota humna addaa Oromiyaa, milishoota, poolisii idilee, raayyaa ittisa biyyaa ofiin jedhan, poolisii federaalaa fi farra riphee lolaan wal gurmeessuun dhufan rasaasaan akaa’ee baarudaan macheessuun ganda keessa ari’ee ganda Cawwaaqaa 5ffaatti galcheera.
Tarkaanfii laalessaa WBOn humna qindaa’aa waraana bilxiginnaa kana irratti fudhateen humni nyaaphaa 235 ajjeefamuun 131 madaa’anii jiru.
Gama meeshaatiin gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo bireena 6, isnaayippera 1, qawwee AKM Turkii 305 fi AKM durii 107, ujummoo dishqaa 2, boombii 30, rasaasa bireenaa, rasaasa AKM fi uffata waraanaa dugda diinaa irraa hiikuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisuun injifannoo cululuqaa galmeessee jira.
Akkasumas waraana bilxiginnaa poolisii humna addaa Oromiyaa, federaalaa fi kanneen biroo WBO loluuf bobba’an 10 ol booji’uun gootummaa isaa agarsiisee jira.
Lolli jajjabee abdii saba Oromoo WBO Zoonii Giddu galaa fi waraana PP gidduutti deema jiru itti fufuun Fulbaana 19, 2022 Aanaa Calliya, Ilfataa fi Jalduutti lolli taasifameera.
Fulbaana 18 aanaa Ilfataa gandoota ollaa magaalaa aanaatti kan yaa’an faashistootni PP lola guyyaa sana taasifameen gandoota biraa keessa baqatanii magaalaatti deebi’anis kan ganda Giccee achi bulan.
Fulbaana 19, 2022 jajjabeen itti marsuun waraana bilxiginnaa du’aa fi madoon adabuun ganda sana keessa buqqisiiseera.
Meeshaalee waraana gurguddaa fayyadamuun ganda kana keessa of tursiisuuf yaaliin kan godhan yoo ta’u humna jajjabeetiin osoo hin milkaa’iin hafeera.
Yeroo ammaas magaala Aanaatti dacha’uun shororkaa hamaa keessa kan jiran yoo ta’u magaala irra ittisa gochuuf sochii gochaa jiru.
Gama biraatiin yeroodhuma wal fakkaataatti aanaa Jalduu ganda Oddoo Baddeessaa bakka addaa lafa Gabaa Roobiitti lola cibraan Irbuu Shinnigaa taasiseen injifannoo goonfateera.
Humni diina aanaa Ilfataa fi aanaa Jalduutii ganda kanatti wal dhuunfachuun guyyaa sadiin dura, jechuun Fulbaana 16,2022 sochii taasisan.
Humni Aanaa Jalduu irra dhufe lolamee deebi’ee yoo galu humni aanaa Ilfataa irra ganda kana qubate mana qonnaan bultootaa yoo guggubuu eegalu jajjabeen cibraa Irbuu Shinniiga itti harkisuun marsaa lammaaf guyyaa keessa sa’aati 9:00 hanga galgala keessaa sa’a 12:00tti taasiseen madoo fi du’aan adabuun buqqisiiseera.
Lola kanaan diinni dishqaan qolachuuf yaali inni godhe osoo hin milkaa’iin faashistoota PP 21 madoon hospitaala Bakkeetti yoo ergu, nama 13 ajjeeseera.

