WBOn Godina Qellem Wallaggaa ona Sayyoo keessatti tarkaanfii fudhateen diina du’aa fi madoon adabuun meeshaalee waraanaa irraa hiikkate!
ONM-ABO Fulbaana 19, 2022 Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa waraana weerartuu PP irratti fudhachuu itti fufuun godina Qellem Wallaggaa ona Sayyoo keessatti diina du’aa fi madoon adabee meeshaalee waraanaa garaagaraa irraa hiikee jira.
Lola har’a Fulbaana 19, 2022 waaree booda toora sa’a 7:00 irraa eegaluun sa’a 2:00f WBOn ona Sayyoo ganda Eeshoo keessatti geggeesseen loltoota PP 8 ajjeesee 15 madeessuun hospitaala Dambii Doollootti erguun qawwee AKM 4 ,rasaasa bireenaa sanduqa 1 harkaa dhuunfachuun of duuba deebisee jira.
Injifannoon Uummata Oromoof !

