ONM-ABO Waxaabajjii 15, 2023
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn zoonii Giddu Galeessaa Kaabaa fi kaaba lixa Shaggar tarkaanfii waltajjii Oromiyaa iddoo garaagaraatti fudhachaa jiruun injifannoo boonsaa gonfachaa jira.
Haaluma kanaan tarkaanfii jajjabeewwan sabaa lixa Shagger ona Meettaa Roobii magaalaa Gaalessaa fi humna reebduu Jalduu dhufte irratti sa’a wal fakkaatatti Waxaabajjii 13, 2023 fudhateen humna diinaa 45 battalatti yoo ajjeesuu hedduu madoon adabee gargar facaasee jira.
Meeshaalee waraanaa garaagaraas dugda diinaa irraa buusuun qabsoof galii taasisee jira.
Kana malees tarkaanfii ona Ada’aa Bargaa iddoo Odaa Daalotaatti fudhateen loltoota faashistii PP 57 ajjeesun 23 madoon adabee jira.
Gama meeshaatiin; AKM 30, Sniper 2, rasaasa 5000, boombii harkaa 27, Hidhannoo 26, rasaasa dishqaa saanduqa lama, Qumbullaa mortaraa 2, fi meeshaalee garaagaraa diinarraa hiikuun qabsoof galii godhee jira.
Lola kanaanis loltoota bilxiginnaa 14 booji’uun irree jabina isaa diinatti agarsiisee jira.
Injifannoon Uummata Oromoof!

