Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Irree fi gaachanni Uummata Oromoo WBOn tarkaanfii Giddu Galeessa Oromiyaa iddoolee garaagaratti fudhateen injifannoo gonfachuu beeksise

Irree fi gaachanni Uummata Oromoo WBOn tarkaanfii Giddu Galeessa Oromiyaa iddoolee garaagaratti fudhateen injifannoo gonfachuu beeksise.

ONM-ABO 27 Muddee 2022 godina Lixa Shaggar ona Meettaa Roobii tarkaanfii magaalaa aanichaa #Shinoo fi magaalaa Laga Roobitti har’a Muddee 27, 2022 fudhateen diina gugsuun humna diinaa 96 ol ajjeesun hedduu madoon adabee jira.

Humna reebduu mooraa magaalaa Hoolata, Ada’aa Bargaa fi Meettaa Wal Qixxee irraa kan fidatan ta’us irree WBO dandamachuu dadhabuun kan baqatan yoo ta’u haalli itti hammannaan drone kaasuf dirqaman
Tarkaanfii kanaan meeshaalee waraanaa qawwee AKM 53, hidhannoo 30, rasaasaa fi meeshaalee garaagaraa heddu dugda diinarraa kan hiikuun loltoota bilxiginnaa 4 jiraatti booji’ee jira.

Kana malees guyyuma har’aa ona Warra Jaarsoo mooraa magaalaa Oosee jirutti cabsuun humna diina 27 fi milishaa 3 du’aan akkasuma 19 madoon adabee jira.

Tarkaanfii WBOn waraana tiksitoota sirna Minilik irratti fudhatu jabaatee itti fufa.

Injifannoon Uummata Oromoof!

Exit mobile version