WBOn zoonii kibbaa godina Gujii Lixaa ona Dugdaa Daawaa keessatti tarkaanfii fudhateen diina adabuun meeshaalee waraanaa hiikkate!
ONM-ABO Fulbaana 8, 2022 Gootichi waraana bilisummaa Oromoo WBOn zoonii kibbaa konyaa Gujii Lixaa cibraan Gooroo Dugdaatiif cibraan Madda Albuudaa waliin ta’uun aanaa Dugdaa Daawaa ganda Camee Kuraatti lola banameen gootichi abbaa Haqaa Urjiin Lola keessaa Fulbaana 07/2022 ganama sa’a 5:15 irraa kaasee Lola gaggeesseen loltoota PP kakachiisuudhaan injifannoo Boonsaa galmeessee jira.
Lola ganamaa eegalee hanga galgala sa’a 1:45 tureen hattootaa fi saamtota uummata Oromoo kan ta’an ilmaan Abiy Ahimed 31 battalatti yommuu ajjeesuu 12 ammoo madoo dandammii hin qamneen adabee jira.
Gama meeshaatiin qawwee Akm 9
~rasaasa bireenaa 2000
~rasaasa Dishqaa 730
~ Boombii 4
~Radio Call. 1
~kaameeraa. 1 fi uffataalee garaagaraa irraa hiikkatuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromootiif galii taasisee jira.
Kan irraa hafte reeffaa fi madoo hundaa dhiisanii baqachuudhaan mooraa isaaniitti akka galan mirkanaa’ee jira.
Injifannoon Uummata Oromoof!

