Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Gabaasa tarkaanfii gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo Adoolessa 26, 2022n

Gabaasa tarkaanfii gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo Adoolessa 26,2022n.
( ONM-ABO Adoolessa 26,2022 )

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa waraana weerartuu PP irratti fudhatu jabeessee itti fufuun diina gadoochaa jira.

Haaluma kanaan abdii fi gaaddisni saba Oromoo WBOn Giddu gala Oromiyaa kaaba lixa Shaggar keessa sosso’u kaleessa Adoolessa 25,2022 ona Kuyyuu naannoo gandoota magaala Garba Gurraachaa keessatti lola jabaa geggeessee jira.

Lola waraana diinaa, humna waloo waraana naannoo Amaraa ,raayyaa ittisa biyyaa ofiin jedhan ,humna addaa Oromiyaa, milishootaa aanoota ollaa irraa walitti qabuun dhufan irratti haleella taasiseen gandoota afur keessaa baasuun lagatti naqee ture.
Hanga gabaasni kun qindaa’etti loltoota bilxiginnaa irraa 60 yoo ajjeesu, 35 madeessee jira.

Lola kanaan meeshaalee waraanaa bireena, isnaaperii, baazuuqaa fi AKM hedduu irraa hiikuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisee jira.

Murni bilxiginnaa network balleessuun duula bal’aa yoo geggeesses WBOn waraana PP wal guuree duula ijibbaataaaf bobba’e irratti tarkaanfii fashaleessuu fudhataa jiruun kasaaraa hedduu qaqqabsiisuun diina abdii kutachiisaa jira.

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo tarkaanfii laalessaa fudhatu itti fufuun kaleessa ganama Adoolessa 25,2022 ganama sa’a 2:00 hanga waaree booda sa’a 10:00tti WBOn tarkaanfii laalessaa waraana weerartuu bilxiginnaa irratti lixa Oromiyaa godina lixa Wallaggaa aanaa Qilxu Kaarraa bakka addaa Agamsa Bal’aa jedhamutti fudhateen injifannoo boonsaa galmeessee jira.
Tarkaanfii WBOn kaleessa fudhate kanaan loltoota tiksitoota impaayeerattii irraa battalatti 18 ajjeesuun 8 maddeessee, meeshaalee waraanaa addaa addaa irraa hiikee dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisee jira.

Gabaasa injifannoo WBO bubbule nu qaqqabeen ammoo godina baha Shaggar ona Boosat bakka Gaara Barrichaa jedhamutti gaafa Adoolessa 20/2022 waraana bilxiginnaa sakattaa’iinsaaf bobbaate gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo dhukaasa akka bakakkaa itti buusuun baarudaan macheeessee battalatti loltoota 12 ajjeesuun 4 madeessee jira.

Tarkaanfii WBOn fudhatu hanga bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaatti itti fufa!

Horaa bulaa deebanaa

Injifannoon Uummata Oromoof!

Exit mobile version