Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Cuunfaa tarkaanfii gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo zoonii kibbaa Konyaa Gujii bahaa

Cuunfaa tarkaanfii gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo zoonii kibbaa Konyaa Gujii bahaa

( ONM-ABO Adoolessa 19,2022 )

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn zoonii kibbaa konyaa Gujii bahaa keessa socho’u Cibraan Odaa Adoolaa aanaa Waadaraa ganda Adaamaa Soodduu iddoo addaa Dibbee Soodduu jedhamutti Adoolessa 16,2022 humna diinaa kan maqaa sakattaan bobbaate irratti tarkaanfii cimaa gaggeeseen loltuu PP 7 battalatti yoo ajjeesu 13 ammoo madeessuun ari’ee of duuba deebisee jira

Tarkaanfiin WBOn fudhatu itti fufuun Cibraan Odaa Adoolaa aanaa Girjaa irraa humna birmannaa deema turte irratti aanaa Adoolaa Reeddee ganda Abulloo keessatti tarkaanfii cimaa irratti fudhateen loltu diina 6 battalatti yoo ajjeesu 8 madeessuun ari’ee galaa gara garaa irraa dhuunfatee jira

Ittuma fufuun aanaa Gooroo Adoolaa ganda Adaadii lola gaafa Adoolessa 17/2022 hanga har’a Adoolessa 19/2022 lolli itti fufuun diina irra kasaaraa gurguddaan qaqqabee jira.

Lola kanaan hanga ammaatti madoo fi reeffa illee awwaallachuu hin dandeenye.

Waraana bilxiginnaa aangoo Abiy Ahimed tiksuuf kurkuran kana irraa meeshaa AKM Turkiii hedduuunii fi meeshaaleen waraanaa adda addaa WBO harka galee jira.

Lolli aamayyuu itti fufee waan jiruuf gabaasa isaa hordofnee isin beeksisna.

Injifannoon Uummata Oromoof!

Exit mobile version