Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

CUUNFAA GABAASA INJIFANNOO WBO ZOONII KIBBAA KONYAA GUJII BAHAA GUYYAA KALEESSAA

CUUNFAA GABAASA INJIFANNOO WBO ZOONII KIBBAA KONYAA GUJII BAHAA GUYYAA KALEESSAA!

( ONM-ABO Waxabajjii 16,2022 )

Abdii fi wonteen uummata Oromoo WBOn zoonii kibbaa konyaa gujii bahaa keessa socho’u Cibraan Odaa Adoolaa aanaa Gooroo Doolaa ganda Qaraaroo keessatti kaleessa Waxabajjii 15,2022 waraana PP kan aanaa irraa bobba’e irratti tarkaanfii fudhateen loltuu PP 8 battalatti ajjeesee 10 ammoo madeessee jira

Ammas Cibraan Odaa Adoolaa marsaa lammaffaa ganduma Qaraaroo keessatti itti deebi’uun tarkaanfii fudhateen loltuu diinaa 12 du’aan yoo gaggeessu 8 ol maddeessee jira.

Haaluma kanaan Cibraan Odaa Adoolaa lola marsaa sadaffaa humna dabalataa kan aanaa Waadaraa irraa dhufte ganda Diilalleessa Reebaa keessatti rukutuun 10 battalatti ajjeesee 11 ammoo madeessee jira.

Cibraan odaa Adoolaa lola marsaa afuraffaa aanaa Waadaraa ganda Diilalleessaa Reeba keessatti tarkaanfii cimaa galgala fudhateen loltuu bilxiginnaa 24 battalatti ajjeesee 22 ol madeessuun ari’ee gargar facaasuun injifannoo boonsaa galmeesse jira

Guyyuma kaleessaa Waxabajjii 15/2022 Cibraan Laga Dambii aanaa Sabbaa Boruu ganda Sabbaa Lola Leemmuu barraaqaan itti cabsuun tarkaanfii waraana PP irratti fudhateen loltuu PP 7 battalatti ajjeesee 8 madeessuun meeshaa kilaashui afur irraa hiikuun galii mooraa qabsoo bilisummaa oromootiif godhee jira.

Tarkaanfiin WBOn fudhatu hanga bilisummaa fi walabummaatti itti fufa!

Injifannoon Uummata Oromoof!

Exit mobile version