Cuunfaa gabaasa injifannoo WBO zoonii kibbaa konyaa gujii bahaa har’aa !
( ONM-ABO Waxabajjii 16,2022 )
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn zoonii kibbaa konyaa gujii bahaa keessa socho’u Cibraan Odaa Adoolaa aanaa Gooroo Doolaa keessatti Waxabajjii 16,2022 waraana bilxiginnaa kan lola kaleessa tureef birmannaa baate irratti tarkaanfii cimaa fudhachuun loltuu faashistii PP 18 battalatti yoo ajjeesu 14 ol madeessee jira
Haaluma kanaan ammas humna birmannaa konkolaata afuriin deema turte irrattii aanaa Waadaraa keessatti rukutuun 14 battalatti du’aan yoo gaggeessu 10 madeessee konkolaataa tokko ammoo hojiin ala godhee jira
Ittuma fufuun Cibraan Odaa Adoolaa aanaa Waadaraa ganda Heebba Hiddaa keessatti waraana PP kan Waadaraa irraa baate deema turte irratti lola gaggeesseen 8 battalatti ajjeesee 12 ammoo madeessuun ari’ee aanaa waadaraatti galchee jira
Cibraan Laga Dambii fi Cibraan Odaa Adoolaa waliin ta’uun har’uma Waxabajjii 16,2022 aanaa Gooroo Doolaa keessatti waraana PP kan aanaa irraa kaatee gara ganda Jiddoolaa fi Dhuqqootti galaa geessuuf deemaa turte irratti iddoo addaa Maazooraa Qalqachaa jedhamutti lola yeroo lama gaggeesseen loltu PP 18 battalatti yoo ajjeesu 15 ol madeessuun injifannoo boonsaa galmeesse jira
Bilisummaa dhugaan afaan qawwee jira.
Injifannoon Uummata Oromoof!

