Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Gabaasa tarkaanfii gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo Adoolessa 27, 2022 dhihaate

Yooyyaa akkam jirtu dhaggeeffattoota fi Daawwattoota keenya kabajamoo nagaan keenya Oromummaa bakka jirtanitti isin haa qaqqabu.
Gabaasa tarkaanfii gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo Adoolessa 27, 2022 dhihaate.

( ONM-ABO Adoolessa 28,2022 )

Gabaasa kaleessaa.
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii guggubduu waraana faashistii Abiy Ahimed irratti fudhatu jabeessee itti fufee jira.

Haala kanaanis korommiin ilmaan Oromoo sanyiin Taaddee Birruu WBOn zoonii Giddugala Oromiyaa kaaba fi kaaba lixa Shaggar keessa sosso’u Adoolessa 25,2022 tarkaanfii laalessaa kaaba Shaggar ona Kuyyuu ganda Uuyyee Cabaree, Koyyee Akaalee fi Jilaa Qeerransaa keessatti ganamaa hanga galgalaatti raawwateen injifannoo boonsaa galmeessaa jira.

Humna diina lola kana irratti duutee fi madoofte konkolaataa shaniin deddeebitee guuraa kan turte yoo ta’u, isa hafe achuma Uuyyee Cabareetti iskaavaateraan qotanii awwaaluun barameera.
Lola kana irratt humni diina 70 ol kan duute yoo ta’u hedduun madoon adabamtee jirti.
Meeshaalen hiikaman
Bireena 4, sniper 3, baazuqaa 1, qawwee Turkii 20, kilaashii AKM 17 fi meeshaaleen garaagaraa hedduun hiikamuun dantaa qabsoof galii ta’anii jiru.
Lolicharratti ajajoonni waraanaa 5 ol kan du’an yoo ta’u, loltootni baay’inaan hirmaate hidhattoota Amaaraati.

Bilisummaan dhugaa afaan qawwee jira!

Horaa bulaa deebanaa!

Injifannoon Uummata Oromoof!

Exit mobile version