Gabaasa tarkaanfii gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo
ONM-ABO Fulbaana 19, 2022 Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii waraana weerartuu PP irratti fudhatu jabeessee itti fufuun waraana uummata Oromoo ajjeesaa jiru du’aa fi madoon adabee jira.
Akka kanaanis dheengadda Fulbaana 17, 2022 WBOn zoonii Lixaa godina Qellem Wallaggaa ona Sayyoo ganda Eeshoo Bakka addaa Haroo Bajjii Baddeessaa jedhamutti WBO haxxee hidhuun 7 ajjeese sadii ammoo madeesse jira.
Godina Lixa Wallaggaa ona Ayiraa ganda Wayyuu Kollii naannoo hospitaala Ayiraa daandii cirracha gurraachaa irratti Fulbaana 17, 2022 ganama toora 3:30 akka impayerattiitti lukkeelee diinaa waraana bilxiginnaa irratti tarkaanfii fudhaateen 6 ajjeesuun 4 madeessee jira.
Korommiin ilmaan sabaa WBOn tarkaanfii fudhatu itti fufuun godina Arsii bahaa aanaa Muneessaa gandaa Gujiichaa iddoo addaa Cororaa jedhamuttii CibraanJaal Nadhii Gammada Buttaan Heebaan Arsii lukkeellee diinaa maqaa sakataa WBOn bobba’uun uummata Oromoo saamichaa fi hidhaan darara turan Fulbaana 17,2022 haxxee ittii hidhuun tarkanfii ganama sa’a 3:00 irratti fudhateen 14 ajjeessuun 22 maddoo dandammi hin qabneen adababee gargar facasuun of duuba dachaasee jira.
Irree fi Abdiin Uummata Oromoo Gootichii Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddu Galaa WBOn lixa Shaggar keessa sosso’u aanaalee akka Ilfataa, Copii fi Ambootti ergamtoota nafxanyaa gugsee kaleessa waadaa oole.
Fulbaana 18, 2022 ganama subii irraa ka’uun sochii kan eegalan humnoonni ergamtuu PP kun Cibraa Migra Bakkeetiin gandoota hedduu keessatti waadama oolan.
Aanaa Ilfataa ganda Somboo Cittuutti ganamaan akkaawuu kan eegale WBOn, waraana bilxiginnaa madoo loltoota 15 tolchuu hospitaalatti naqsiise iyyisiisaa fi reenfa nama 9 achumatti awwaalchisuun akka dheessan godheera.
Lolli Aanaa Ilfataa ittuma fufuun guyyaa walakkaa ganda Ambaltaa Godeetiitti humna PP rasaasaan haleeluun madoo fi du’aan adabee jira.
Akkuma amala isaanii reeffa achuma karaa irratti awwaaluun madoo fudhetanii gara magaalaatti deebi’anii jiru.
Lola ganda kana keessatti gaggeeffameen humni PP reeffa 4 achumatti ooyiruu qonnaa keessa awwaaluun madoo 9 fudhatanii kottee na baasiin magaalaatti deebi’anii jiru.
Sa’a boodas lolli aanaa kanatti itti fufuun ganda Gicheetti lola lolameen haga galgala iji wal arguu dhabuutti kan gaggeeffame yoo ta’u humna diina irra gaaga’ama jabaan ga’eera.
Lola galgala kanaatiin humna PP irra 7 ajjeesuun 11 kan madeesse yoo ta’u walumaa galatti Aanaa Ilfataa qofatti lola gaggeeffameen humna diina irra 20 ajjeesuun 35 ol madeessee kasaaraa jabaa irraan ga’ee jira.
Lola Fulbaana 18, 2022 godhame, kan biraatiin ammoo Aanaa Ambootti Cibraan Jaagamaa Badhaane diina akka baalaatti kan ciraa oole yoo ta’u gandoota akka Xulee, Dikii fi Qulliititti lola guyyaa guutu godhameen jajjabeen injifannoo dachaa goonfateera.
Ganama subiidhaan magaala Amboo irra gara ganda Xuleetti waraana bilxiginnaa yaa’aa turettu bakka addaa Tulluu Warqeetti haxxee hidhuun diina adabuun kanneen ganda Qulliitti keessa qubatanii turanitti marsuun haleele jira.
Lola moora qubsuma isaanii kanatti godhameen du’aa fi madoon adabee jira.
Ganda Dikii Qubatanii kan turan irrattis jajjabeen ganamaan itti marsuun haleelee madoo fi du’aan adabuun qubsuma isaanii keessa ari’ee yaasuun dhuunfateera.
Qabeenya diinaa hedduus dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii godheera.
Humna mooraa Dikiiti dheessuun gara Xuleetti deemaa turan irratti bakka addaa Ulaa Kurupheetti haxxee hidhuun diina watwaachisuun humna diina irraa 21 ajjeesuun 16 madoo dandammii hin qabneen adabee jira.
Humni guddaan kallattii hedduun dhufe ganda Xuleetti wal dhuunfachuun sochii kan eegale ganda Dikii bakka addaa Ulaadhuma Kurupheetti marsaa lammaffaaf sa’atii booda saati 8 haga halkan keessa sa’a 2:00tti lola ulfaataa loluun injifannoo boonsa goonfateera.
Lola kanaan humna diina ari’ee haleeluun reenfa fi madoo wal irra tuulee jira.

