Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Gabaasa tarkaanfii gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo Hagayya 1, 2022n

Gabaasa tarkaanfii gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo Hagayya 1, 2022n.

( ONM-ABO Hagayya 2,2022 )

Gabaasa kaleessaa

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii akkaan guggubduu waraana faashistii Abiy Ahimed irratti fudhatu jabeessee itti fufee jira.

Haaluma kanaan giddu galeessa Oromiyaa godina lixa Shaggar keessatti Adoolessa 30,2022 ganama sa’a 12:00 irratti aanaa Ilfataa ganda Sinaanii Lukkuu mooraa waraana bilxiginnaa Shangannee irratti tarkaanfii abdiin sabaa WBOn fudhateen 5 ajjeesee 3 madeessee jira.

Kana malees ona Miidaaqany ganda Soolee Keenjoo keessatti Adoolessa 30,2022 waaree booda toora sa’a 10:00 irratti lola geggeeffameen battalatti loltoota PP 10 yoo ajjeesu 17 madeessee jira.
Lola kanaan madoo ulfaataa 8 waraana bilxiginnaa irratti qaqqabe yaala olaanaaf gara hospitaala Geedootti dabarfamuun barameera.
Korommiin kibba baha Oromiyaa WBOn godina Arsii bahaa aanaa Muneessaa ganda Heeban Laaqichaa keessa sosso’u Cibraan Jaal Naadhii Gammadaa Buttaan Heeban Arsii waaree booda sa’a 8 :45 irratti lukkeelee diinaa maqaa sakattaa WBOn bobbaatee haxxee ittii hidhuun 12 ajeessee 25 maddoo dandammii hin qabneen adabee jira.
Gama meeshaatiin qawwee AKM 3 SKS lama booji’uun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisee jira.

Abdii fi gaachanni uummata Oromoo WBOn Zooni Kibbaa Cibraa Soddom Booroo Adoolessa 30/2022 Ganama sa’ab 11:30 hanga sa’a 01:30tti aanaa Gumii Eeldalloo ganda Malkaa Gubaatti Waraana Bilxiginnaa kan mooraa keessa ciisaa turtetti marsee haleeluun battalatti 9 ajjeesee 11 oli madoo cimaan dhukkee irraa kaasee jira.

Leencotni ilmaan Oromoo WBOn zoonii lixaa godina baha Wallaggaa, aanaa Jimmaa Arjoo, ganda Badhaasaa Dhidheessaa, bakka addaa Yaayyaa jedhamutti WBOn loltoota bilxiginnaa irratti tarkaanfii laalessaa fudhateen battalatti 43 yoo ajjeesu madoo hedduun adabuun loltoota PP 2 harkaan qabeera.
Gama meeshaatiin

Kilaashii turkii 16 hidhannoo waliin
AKM 14 hidhannoo waliin
Bireena 2 fi jorooroo bireenaa hedduu rasaasa waliin dugda diinaa irraa hiikuun moonaa qabsoo bilisummaa Oromoof gumaacheera.

Loltoonni pp’s haleellaa irratti fudhatametti aaruudhaan namoota nagaa kanneen maqaa isaanii
1 Itichaa teessisaa maanguddoo ganna 45
2 Dargaggoo Bookkee Biraanuu
3 Addee. Inkooshee Immaanaa

  1. Obbo Jibiriil Haaruunii fi haadha Oromoo biroo tokko irratti ajjeechaa suukanneessaa raawwataniiru.

Abdii fi gaaddisni uummata Oromoo WBOn zoonii Giddu Galeessaa humni furgaatuun Riisaa Laga Mogor Aanaa Dandii Magaalaa Gincii Bosona Cillimoo keessatti Adoolessa 30,2022 humna diinaa FSR tokko fi Isuzu tokkoon magaalaa Jalduu irraa gara Gincii fiigaa turtetti haxxee hidhuun loltoota FSR tokko irra turte guutummaatti barbadeessee jira.

Lola kana irratti loltootni 30 kan du’an yoo ta’u kaan madaa’anii dhiigaan laqamuun konkolaataa jalaa funaannatanii deeman.

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo tarkaanfii waraana weerartuu bilxiginnaa irratti fudhatu itti fufuun zoonii lixaa godina Qellem Wallaggaa ona Anfilloo ganda Yaarer bakka addaa Qaajjii jedhamu keessatti Adoolessa 31,2022 ganama irraa ka’uun marsaa lama itti deebi’ee loluun waraana bilxiginnaa irraa 12 ajjeesee 7 madeessuun injifannoo boonsaa galmeessee jira.

Bilisummaa fi walabummaan Oromiyaa kadhaaa Habashaa fi Faranjii Osoo hin taane afaan qawween mirkanaa’a!

Horaa bulaa deebanaa I

Injifannoon Uummata Oromoof!

Exit mobile version