Gabaasa tarkaanfii gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo Hagayya 6, 2022n isin dhageessisa.
ONM-ABO Hagayya 6, 2022- Abdii fi gaaddisni saba Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa waraana faashistii Abiy Ahimed irratti fudhatu jabeessuun Oromiyaa bakkoota garaagaraatti du’aa fi madoon adabaa jira.
Korommiin ilmaan Oromoo kibba Oromiyaa WBOn zoonii kibbaa tarkaanfii laalessaa godina Gujii bahaa keessatti fudhachuun karoora diinaa fesheleessaa jiru.
Kutataa fi boorrattaan, WBOn zoonii kibbaa konyaa Gujii bahaa keessa socho’u Cibraan Odaa Adoolaa aanaa Waadaraa ganda Handoyaa iddoo addaa Malayyaa jedhamuun beekamutti dheengadda Hagayya 4, 2022 waraana nama nyaataa PP irratti tarkaanfii jabaa fudhateen loltoota faashistii Abiy Ahimed 19 battalumatti du’aan yoo gaggeessu 15 ammoo madeessee jira.
Ammas guyyuma kana cibraan Odaa Adoolaa aanaa Waadaraa ganda Hancooqaa iddoo addaa Xereekoo jedhamutti tarkaanfii cimaa waraana bilxiginnaa irratti fudhateen loltoota isaanii 6 battalatti yoo ajjeesu 5 madeessuun injifannoo boonsaa galmeessee jira.
Tarkaanfii abdiin bilisummaa fi walabummaa Oromiyaa WBOn fudhatu itti fufuun zoonii lixaa godina lixa Wallaggaa ona Begii keessatti reeffa diinaa allaattii sooraa jira.
Akka kanaanis lola jabaa dheengadda Hagayya 4, 2022 ona Begii ganda Laaloo keessatti waraanni bilxiginnaa humna dabalataa warra magaalaa Begiitti rukutamaa jiraniif ona Gidaamii magaalaa Qellem irraa dhufte irratti tarkaanfii fudhateen reeffaa fi madoo guyyaa lama akka isheen kaafattu tolcheera.
Haleella akka hamaa gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo ona Begii irratti irraan ga’een reeffa 45 kaafachuun madoo 32 fudhatanii of duuba kan deebi’an yoo ta’u reeffa hedduu bosonaa fi ooyiruu namaa keessatti kufe ammoo hanga gabaasni kun qindaa’etti bineensi irraa nyaachuu fi bakkee keessatti gatamee jiraachuun barameera.
Lola guyyoottan lamaan darbe ona Begii keessatti tarkaanfii guggubduu loltoota koomaandoo Abiy Ahimed irratti fudhatameen WBOn akkuma bara darbee nu buqqisuuf jechuun mooraan diinaa raafamaa jiraachuun barameera.
Bilisummaa fi walabummaan WBO jabeessuu qofaan argama.
Horaa bulaa deebanaa
Injifannoon Uummata Oromoof!

